Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Asoosama Kudhaama Jaalalaa Ija Yaadiddama Xinsammuutii

Show simple item record

dc.contributor.author Gaaddisee Goobanaa
dc.contributor.author Iristee Akkawaaq
dc.contributor.author Taaddasaa Hirphaa
dc.date.accessioned 2025-10-30T07:56:05Z
dc.date.available 2025-10-30T07:56:05Z
dc.date.issued 2024-03-27
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/9997
dc.description.abstract Qorannoon kun asoosamoota Afaan Oromoon bareeffamanii jiran keessaa asoosama dheeraa Kudhaama Jaalala irratti Ija yaadiddama xiinsammuutiin xiinxaluun dhiheessuudha. Ka`umsi qorannichaas qorannoon kallattii garaagaraatiin ogbarruu Oromoo irratti hojjatamuu guddina ogbarruu Oromootiif gumaacha guddaa waan godhuuf yaaxinna adda addaan hojjetamaniiru. Haata’umalee, qorannoowwan hojjeetman hundii asoosamoota Afaan Oromoo bu’uursa yaadxinalee ogbarruutiin guutummaan guutuutti xiinxalaniiru jechuu miti. Qorattuunis, kanuma bu’uura godhachuun asoosamoota Afaan Oromoon barreeffamanii jiran keessaa sakkatta`uun asoosamni Kudhaama Jalaalaa xiinxalamuu irratti qaawwa waan qabuuf xiinxalteerti. Kanaafuu, asoosama eeramee kana xiinxaluun qaawwa gamaa kanan jiruu duuchuun gumaacha guddina ogbarruu Oromoof ta`u keessaatti qooda ba`achuuf akka ta`ee eerteerti.Galma gahinsa kaayyoo qorannoo kanaaf saxaxni filatamee saxaxa ibsaa ta`ee gosti qorannichaas qorannoo qulqulleeffataati.Maddi ragaa qorannoo kanaaf hojiirra oolee madda raga tokkoffaati. Kunis, akaakuu iddatteessuu miti carraa keessaa iddatteessuu kaayyeeffataa gargaaramuun gaggeesitee jirti. Sababni malli kun filatameefis, asoosamoonni Afaan Oromootiin barreeffaman hedduu waan ta’aniif hunda isaanii altokkotti xiinxaluun ulfaatadha. Kana jechuun immoo yeroo bal’aa, humnafi baasii olaanaa waan gaafatuuf kana xiqqeessuuf asoosamoota afaan Oromoon barreeffamanii jiran keessaa asoosama kudhaama jalaalaa qofa xiinxalte.Malli funaansa ragaalee qorannichaa asoosamuma eerame kana irra deddeebi`uun dubbisuun haala cheekliistii qopha`een odeeffannoowwan tartibeeffamu.Haaluma kanan tooftaa xiinxala ragaalee qorannichaaf fudhatamee xiinxala barruu fayyadamtee gaggeesitee jirti. Akka bu`aan qorannoo kana irraa argamee ibsuutti asoosama filatame kana keessatti dhimmoota sammuu riphaafi fedhii dhala namaa ta`an kanneen akka kutaa Id, superegofi ego ibsan dhiheessuu isaa qorannoo kanan bira ga`ameera. Ittisa fedhiwwan riphaan walqabatee hawaasummaa, dinagdee, jalaalaafi kanneen biroo keessatti walittii dhufeenyaa maatii, jalaalleewwanii, michuu gaarii fa`i akka eeguu adda ba`eera.Kanamalees, calaqqeewwan abjuu kanneen akka yaada, miira, fakkiwwanfi kkf` calaqisiifaman qorannoo kanan ifoomeera. Gama biran immoo, namfakkiileen dhimmoota hawaasa bu`uura xiinsmmuun ibsaman kanneen akka hinaaffaa, gadda, obsafikkf adda ba`eera.Kanaafuu, qorattootni biroon osoo asoosama kanarratti qorannoo isaanii fayyadama jechootaa jedhuun gaggeessani bu’aa qabeessa ta’uu isaanii amantee kallatti gara fuulduraa keessatti eertee jirti. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Asoosama Kudhaama Jaalalaa Ija Yaadiddama Xinsammuutii en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account