Abstract:
Qorannoon kun Moggaasa Maqaa Dhuunfaa Oromoo: Haala Bara Dargiifi Sana Booda jedhu xiinxaluu
irratti xiyyeefatee kan geggeefamedha. Sababni Kaayyoon kun xiyyeeffatameefis, dhiibbaaleen
miidhaa gama siyaasaafi amantaan sirna dargiifi isaa as moggaasa maqaa dhuunfaa Oromoorraan
gahaa tureefi jiru, haga qorattuun sakkattaatetti akka godina kanaatti, mata duree kanarratti, namni
qorannoo geggeessee bifa barreeffamaan kaa‟e dhabamuudha. Kana jechuun qaawwi qorannoo
jiraachuu isaati jechuudha. Kanaaf qorattuunis, miidhaa moggaasa maqaa dhuunfaa Oromoorra sirna
dargii keessaafi booda siyaasaafi amantaan ture bifa barreeffamaan olkaa‟uufidha. Gosti qorannoo
hojiirra oole, qorannoo ibsaa yoo ta‟u, saxaxni isaa immoo ibsaa akkamtaati. Maddi ragaalee
qoranniichaa, madda raga tokkoffaafi lammaaffaadha. Maddi raga tokkooffaa, maanguddoota, owat,
barattoota, barsiisotaafi dargaggoota yoo ta‟an, maddi raga lammaaffaa immoo, kitaaboolee seenaan
uummata Oromoo irratti barraanidha. malli iddatteessuu fayyaadamte mala carraa tasaati. Mala kanaan
namoota afurtamii ja‟a irraa mala afgaaffiifi marii gareen ragaaleen guuramanii jiru. Haala kana
keessatti, afgaaffiin namoota soddoomii sagaliif kan taasiifame yoo ta‟u, marii garee, gareen tokko kan
miseensa namoota torba
qabaniif taasifamedha. Ragaaleen kunneen suur sagaleefi yaadannoo
dhuunfaa qabachuun erga duraa duubaan qindeeffamanii, yaaxxiin Antiroponomaastiksii
bu‟uureffachuun mala ibsaatiin xiinxalaman. Ragaalee xiinxalaman irraa bu‟aan argame,Oromoon
yeroo moggaasa maqaa dhuunfaa geggeessu calliisee atoo hin taane bu‟uura moggaasaa maqaa
dhuunfaa qabaachuu,miidhaan sirna dargii keessaa moggaasa maqaarra ture, maqaa Oromoo jijjiiruu,
carraa hojii dhabsiisuu,afaan tokkoofi aadaan tokko qofti akka guddatu gochuufaa ture,qooda
fudhattoonni moggaasa maqaa dhuunfaa Oromoo Abbaafi ayyaantuu ta‟uu, akaakuun moggaasa maqaa
kan maatiin geggeeffamu,kan ayyaantuun geggeeffamuufi kan ammachiisaan geggeeffamu ta‟uufi
yeroo ammaa moggaasi ammaachiisaafi ayyaantuun geggeefamu baduu isaa,moggaasi maqaa
dhuunffaa akka aadaatti geggeeffamu,aadaafi duudhaa hordofee yoomessa mataasaa keessatti kan
geggeeffamu ta‟uufi moggaasi maqaa yeroo ammaa geggeeffamu maqaa moggaafamaa tureen garaa
garummaa yooqabaateyyuu, dhaloonni yeroo ammaa daran eenyummaasaa waan bareef kana booda
moggaasa maqaa dhuunfaa Oromoo duubatti waanti deebisu kan hin jirre ta‟uu.Waluumaa galatti
dhiibbaa miidhaa moggaasa maqaarra gahaa turan dhabamsiisuuf qaamni dhimmi ilaalatu hundi
kanuma caalaa tumsa barbaachiisaa ta‟e fudhachuun kanneen dagataman deebisuu kanneen sadarkaa
guddina afaanichaaf gumaacha gochaa jiran itti fufsiisuu qaba.