Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Moggaasa Maqaa Dhuunfaa: Haala Bara Dargiifi Sana Booda; Godina Sh/Lixaa Keessatti

Show simple item record

dc.contributor.author Taaddalech Qananii
dc.contributor.author Cimdii Waaqumaa
dc.contributor.author Birhaanuu Damee
dc.date.accessioned 2025-10-30T08:02:02Z
dc.date.available 2025-10-30T08:02:02Z
dc.date.issued 2024-03-27
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/9998
dc.description.abstract Qorannoon kun Moggaasa Maqaa Dhuunfaa Oromoo: Haala Bara Dargiifi Sana Booda jedhu xiinxaluu irratti xiyyeefatee kan geggeefamedha. Sababni Kaayyoon kun xiyyeeffatameefis, dhiibbaaleen miidhaa gama siyaasaafi amantaan sirna dargiifi isaa as moggaasa maqaa dhuunfaa Oromoorraan gahaa tureefi jiru, haga qorattuun sakkattaatetti akka godina kanaatti, mata duree kanarratti, namni qorannoo geggeessee bifa barreeffamaan kaa‟e dhabamuudha. Kana jechuun qaawwi qorannoo jiraachuu isaati jechuudha. Kanaaf qorattuunis, miidhaa moggaasa maqaa dhuunfaa Oromoorra sirna dargii keessaafi booda siyaasaafi amantaan ture bifa barreeffamaan olkaa‟uufidha. Gosti qorannoo hojiirra oole, qorannoo ibsaa yoo ta‟u, saxaxni isaa immoo ibsaa akkamtaati. Maddi ragaalee qoranniichaa, madda raga tokkoffaafi lammaaffaadha. Maddi raga tokkooffaa, maanguddoota, owat, barattoota, barsiisotaafi dargaggoota yoo ta‟an, maddi raga lammaaffaa immoo, kitaaboolee seenaan uummata Oromoo irratti barraanidha. malli iddatteessuu fayyaadamte mala carraa tasaati. Mala kanaan namoota afurtamii ja‟a irraa mala afgaaffiifi marii gareen ragaaleen guuramanii jiru. Haala kana keessatti, afgaaffiin namoota soddoomii sagaliif kan taasiifame yoo ta‟u, marii garee, gareen tokko kan miseensa namoota torba qabaniif taasifamedha. Ragaaleen kunneen suur sagaleefi yaadannoo dhuunfaa qabachuun erga duraa duubaan qindeeffamanii, yaaxxiin Antiroponomaastiksii bu‟uureffachuun mala ibsaatiin xiinxalaman. Ragaalee xiinxalaman irraa bu‟aan argame,Oromoon yeroo moggaasa maqaa dhuunfaa geggeessu calliisee atoo hin taane bu‟uura moggaasaa maqaa dhuunfaa qabaachuu,miidhaan sirna dargii keessaa moggaasa maqaarra ture, maqaa Oromoo jijjiiruu, carraa hojii dhabsiisuu,afaan tokkoofi aadaan tokko qofti akka guddatu gochuufaa ture,qooda fudhattoonni moggaasa maqaa dhuunfaa Oromoo Abbaafi ayyaantuu ta‟uu, akaakuun moggaasa maqaa kan maatiin geggeeffamu,kan ayyaantuun geggeeffamuufi kan ammachiisaan geggeeffamu ta‟uufi yeroo ammaa moggaasi ammaachiisaafi ayyaantuun geggeefamu baduu isaa,moggaasi maqaa dhuunffaa akka aadaatti geggeeffamu,aadaafi duudhaa hordofee yoomessa mataasaa keessatti kan geggeeffamu ta‟uufi moggaasi maqaa yeroo ammaa geggeeffamu maqaa moggaafamaa tureen garaa garummaa yooqabaateyyuu, dhaloonni yeroo ammaa daran eenyummaasaa waan bareef kana booda moggaasa maqaa dhuunfaa Oromoo duubatti waanti deebisu kan hin jirre ta‟uu.Waluumaa galatti dhiibbaa miidhaa moggaasa maqaarra gahaa turan dhabamsiisuuf qaamni dhimmi ilaalatu hundi kanuma caalaa tumsa barbaachiisaa ta‟e fudhachuun kanneen dagataman deebisuu kanneen sadarkaa guddina afaanichaaf gumaacha gochaa jiran itti fufsiisuu qaba. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Moggaasa Maqaa Dhuunfaa: Haala Bara Dargiifi Sana Booda; Godina Sh/Lixaa Keessatti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account