Abstract:
Qorannoon kun dhihaannaa qabiyyee afoolaa kitaaba barattootaa barnootaa afaan Oromoo
kutaa kudhanaffaa irratti xiyyeeffate. Qabiyyee afoolaa irratti qorannoon hojjatamee kan jiran
ta’aniilee kitaaba bara 2005 maxxanfame irratti kan geggeeffameedha.Kanaaf qorattuun
xiinxala dhihaannaa qabiyyee afoolaa kan filatameef kitaaba barnootaa haaraa bara
2015maxxanfamee waan ta’eef ka’umsa qorannoo ta’eera. Kaayyoon qorannoo kana xiinxala
dhihaannaa qabiyyee afoolaa kitaaba barattootaa barnootaa afaan Oromoo kutaa kudhanaffaa
xiinxaluudha. Qorannoon kun mala qorannaa ibsaatti fayyadamuun kan geggeeffameedha.
Saxaxni qorannoo kanaaf dhimma itti bahames saxaxa ibsaati. Kunis mala qorannoo
akkamtaarratti kan hundaa’eedha.Qorannoo kanas qorattuun yeroo gaggeessiteetti gosoota
iddatteessuu mit-carraa keessa iddatteessuu akkayyootti fayyadamuun raawwatee jirti. Mala
kaayyeeffataan qorannoon geggeeffame kun meeshaalee barnootaa kutaa kana silabasii,kitaaba
barattootaafi qajeelchaa barsiisoota dubbisuudhaan kallatummaan sakatta’iinsa dookumantii
gargaaramuun walitti qabamee jira.Ragaan argame kunis mala akkamtaaatiin xiinxalamee jira.
Akka bu’aan qorannoo kanaan argame ibsutti dhihaannaa qabiyyee afoolan dandeetti afaanii
barsiisaan keessa dandeettiiwwan gurguddoofi xixiqqoo jiran irratti kan xiyyeeffatanidha.
Akkasumas,dhihaannaa qabiyyee afoolaa kitaaba barattootaa barnootaa kutaa kudhanaffaa
keessatti hammatamuun qophaahe sadarkaa barattootaa kan madaaluudha. Dabalaatanis,
dhihaannaa qabiyyeen afoolaa meeshaalee barnootaa kitaaba barattootaa, silabasiifi
qajeelchaa barsiisootaa keessatti argamuu bifuumma wal fakkatan walii simannan qabiyyee
afoolaa gidduu isaan akka jiru hubatamee jira. Dabalataanis, kitaaba kana keessatti qabiyyeen
afoolaa kanneen akka ragamta, geerarsa, faaruu, eebba/abaarsa, gungummiifi tabaalli fa`i yoo
hammataman dandeettiiwwa afaanii ittiin barsiisuuf gaariidha..Eegaa qorattoonni biroon kana
irratti dabalataan yoo qoratan rakkoo gama dhihaannaa gilgaalotaan jiruu arguu waan
danda’aniif gadii fageenyaan qoraachuun barbaachisadha.