Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Dhihaannaa Qabiyyee Afoolaa Kitaaba Barattootaa Barnootaa Afaan Oromoo Kutaa 10ffaa

Show simple item record

dc.contributor.author Adaanuu Badhaanee
dc.contributor.author Cimidii Waaqumaa
dc.contributor.author Alamaayyoo Faqqadaa
dc.date.accessioned 2025-10-30T08:10:58Z
dc.date.available 2025-10-30T08:10:58Z
dc.date.issued 2024-03-06
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/9999
dc.description.abstract Qorannoon kun dhihaannaa qabiyyee afoolaa kitaaba barattootaa barnootaa afaan Oromoo kutaa kudhanaffaa irratti xiyyeeffate. Qabiyyee afoolaa irratti qorannoon hojjatamee kan jiran ta’aniilee kitaaba bara 2005 maxxanfame irratti kan geggeeffameedha.Kanaaf qorattuun xiinxala dhihaannaa qabiyyee afoolaa kan filatameef kitaaba barnootaa haaraa bara 2015maxxanfamee waan ta’eef ka’umsa qorannoo ta’eera. Kaayyoon qorannoo kana xiinxala dhihaannaa qabiyyee afoolaa kitaaba barattootaa barnootaa afaan Oromoo kutaa kudhanaffaa xiinxaluudha. Qorannoon kun mala qorannaa ibsaatti fayyadamuun kan geggeeffameedha. Saxaxni qorannoo kanaaf dhimma itti bahames saxaxa ibsaati. Kunis mala qorannoo akkamtaarratti kan hundaa’eedha.Qorannoo kanas qorattuun yeroo gaggeessiteetti gosoota iddatteessuu mit-carraa keessa iddatteessuu akkayyootti fayyadamuun raawwatee jirti. Mala kaayyeeffataan qorannoon geggeeffame kun meeshaalee barnootaa kutaa kana silabasii,kitaaba barattootaafi qajeelchaa barsiisoota dubbisuudhaan kallatummaan sakatta’iinsa dookumantii gargaaramuun walitti qabamee jira.Ragaan argame kunis mala akkamtaaatiin xiinxalamee jira. Akka bu’aan qorannoo kanaan argame ibsutti dhihaannaa qabiyyee afoolan dandeetti afaanii barsiisaan keessa dandeettiiwwan gurguddoofi xixiqqoo jiran irratti kan xiyyeeffatanidha. Akkasumas,dhihaannaa qabiyyee afoolaa kitaaba barattootaa barnootaa kutaa kudhanaffaa keessatti hammatamuun qophaahe sadarkaa barattootaa kan madaaluudha. Dabalaatanis, dhihaannaa qabiyyeen afoolaa meeshaalee barnootaa kitaaba barattootaa, silabasiifi qajeelchaa barsiisootaa keessatti argamuu bifuumma wal fakkatan walii simannan qabiyyee afoolaa gidduu isaan akka jiru hubatamee jira. Dabalataanis, kitaaba kana keessatti qabiyyeen afoolaa kanneen akka ragamta, geerarsa, faaruu, eebba/abaarsa, gungummiifi tabaalli fa`i yoo hammataman dandeettiiwwa afaanii ittiin barsiisuuf gaariidha..Eegaa qorattoonni biroon kana irratti dabalataan yoo qoratan rakkoo gama dhihaannaa gilgaalotaan jiruu arguu waan danda’aniif gadii fageenyaan qoraachuun barbaachisadha. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala Dhihaannaa Qabiyyee Afoolaa Kitaaba Barattootaa Barnootaa Afaan Oromoo Kutaa 10ffaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account