Abstract:
Kaayyoon qorannichaa unkaa fi hiika sirba arrabsoo cidhaa kallattii caasaa afaaniin
xiinxaluudha. Unka caasaalee afaanii dhamsaga,jecha,gaalee fi ciroo sirba kana keessatti
hojiirra oolan adda baasuun ibsuu. Hiika ilaalchisee immoo hiika jechootaa isaaniin hiika
faallaa, hammattuu ,dursaa, yeroo hunda dhugaa, tajaajilaa faa hanga hiika keeyyataatti jiru
ibsuu. Mala qorannoo ibsaa akkamtaa gargaaramuun Godina Horroo Guduruu Wallagga
aanaalee 12 keessaa mala akkayyoon aanaalee 4 filataman(Jimmaa Raaree,Jimmaa Gannat, Horro, Guduruu) keessaatti meeshaalee odeef annoo afgaaf iifiragaalee sakatta’uun ragaa
argame walitti qabuun qindaa'e xiinxalameera.Meeshaalee kanneen gargaaramuun
odeef annoo ogeessota irraa dhimma xiinqooqaa irratti akkasumas immoo hawaasafdhimma
walaloo sirbaa irratti gaaf ilee dhiyeessee xiinxaluun argannoon ijoo ibseera. Argannoon kunis
unkaa seera afaanii kan sagalee,kan jechaa (latiilee of danda’oo fi hirkatoo) unka uumamtee
yaasaa,suphuu fi tishoon kan mul’atan akkasumas unka ciroo hirkataa fi ofdanda’aa ykn
himoota gaggabaaboo achi keessatti mul’atan seera afaanichaa eegani kan dhiyaatan ta'uun
adda baheera. Sirbi arrabsoo hiika caasaa afaanii hiika faallaa,hammattuu,yaada yeroo hunda
dhugaa,hiika dursaa,tajaajilaa,hiika heddee faa walaloo sirba kana keessatti tajaajila guddaa
kan kennaan ta’uu xiinxalameera.Hayyoonni xiinqooqaa walaloo sirbaa kana gadi fageenyaan
qorachuun gumaacha isaanii bahuu qabu