Abstract:
Mata dureen qorannoo kanaa ‘Xiinxala Qabiyyeefi raawwii Weedduu Asmaarii goina Iluu
Abbaa Boor’ kan jedhudha.Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa qabiyyee fi raawwii weedduu
asmaarii Oromoo godina Iluu Abbaa Boor, aanaalee Aalleefi Diiduu
xinxaluudha.Qorannoon kun gosa qorannoo ibsaa(descriptive Study) ta’ee, mala akkamtaa
hordofee raawwatame. Maddi odeeffannoosaa sad.1ffaa
yammuu ta’uu namoota ogummaa
asmaarummaa qabanuufi maanguddoota waa’ee weedduu asmaarii hubannoo
qabanudha.Iddattoo miti- carraa keessaa akkayyoo(purposivesampling)
fayyadamuunaanaalee lamaan keessaa asmaaroota afuriifi maanguddoota kudha lamairraa
odeeffannoon funaanamera.Meeshaaleen odeeffannoo af-gaaffii,daawwannaafi marii gareeti.Qorannichi qixa yaadiddamoota tajaajilaafi galumsaatiin gaggeeffame.Odeeffannoon
funaaname haala qaacceessa ragaa qulqulleeffataatiin qaacceessamee ibsame.Weedduun
asmaarii,gosa weedduu aadaa yeroo rakkoo fi qannoo kan nama bashannansiisuufi gadda
nama irraanfachiisudha.Sababiin qorannicha gaggeessuuf qorataa kakaaseyeroo ammaa
weedduun kun dagatamaafi akka boodatti hafummaatti ilaalamaa jira. Qawwaa kana
duuchuuf qabeenyaan hawaasaa bu’a qabeessaa ta’e kun kunuunfamuun dhalootatti
daddarbaa akka deemu gochuun barbaachisaa ta’uu hubachuudha.Kaayyoon Qorannoo
kanaa Qabiyyee fi raawwii Weedduu Asmarii Godina Iluu Abbaa Boor, aanaa Aalleefi
Diiduu xinxaluudha.Weedduun asmaarii qabiyyee hedduufi raawwii hawwataa
qabaachuu,qabeenyaa fokloorii hawaasa Oromoon qabu keessaa tokko ta’uufi faayidaan
isaa guddaa ta’uu,sababoota garagaraatiin dagatamaa jiraachuunsaas adda baheera.Kunis
qaama ilaallatuun xiyyeeffannaa barbaachisuu kan hin argannee ta’uu mul’isa. Furmaanni
qorannoo kana keessatti eerame gabaabinaan;xiyyeeffannaan itti laatamee,hubannoo
uumuufi bu’aa weedduun kun qabu mul’isuu,kanas barreeffamaan ka’aanii dhaloota
dhaalchisuun kan barbaachisu ta’udha