Abstract:
Qorannichi kan geggeef ame, ‘Qaaccessa Qabiyyee Afwalaloo Namoota Bebbeekamoo Aanaa
Jimmaa Arjoo’ irrattiidha. Ka’umsi isaas, afwalaloowwan namoota bebbeekamoo aanicha
keessatti beekamoo ta’an carraa qorannoo dhabuun beekumsa afaaniitiin daddarbaa ture
irraanfatamaa waanjiruuf gara barreef amaatti jijjiiruun beeksisuufi jajjabeessuun dhaloota
dhufuuf ittifufiinsa akka qabaatu taasisuudha. Kaayyooleen qorannichaas; Afwalaloowwan
namoota beekamoo turan maal maaliin akka beekaman walitti qabuun addeessuu. Yaadxinni
qorannoo kun irratti hundaa’ee hojjetame, yaadxina seenaa deebisanii ijaaruufi yaadxina
faayidaalessummaati. Malli qorannichaa, iddatteessuu miti-carraati. Malli iddatteessuu
kaayyef ataafi eerumsaa mala odeefkennitootni ittiin filatamaniidha. Isaanis, jaarsolii biyyaafi
hojjettoota waajjira Aadaaf Tuuriziimii Aanaa Jimmaa Arjoo keessaa mala iddatteessuu
kaayyef ataafi darbaa dabarsaan kan filatamaniidha. Ragaas madda odeef annoo jalqabaafi
lammaf aa irraa funaannateera. Isaanis, mala afgaaf ii; marii gareefi galmeelee sakatta’uun
walitti qabateera. Odeef annoos mala qulqulleef ataatti gargaaramee ibsuun akkaataa kaayyoo
gooreetiin qaaccesseera. Wantootni qaaccef amanis; Afwalaloowwan namoota bebbeekamoo fi
kanneen isaan wajjin walitti dhufeenya qabaniiti. Argannoon qorannoo kanaas; Afwalaloowwan
namoota bebbeekamoo Aanaa Jimmaa Arjoo keessa jiranii hubatameera. Walumaa galatti, argannoo qorannichaa irratti hundaa’uudhaan, Waajjirri Aadaaf Tuuriziimii aanichaa baajeta
qabachuudhaan afwalaloo namoota bebbeekamoo ta’anii irratti qorannoo bal’aa taasisee osoo
maxxansiisee filatamaadh