Abstract:
Kaayyoon waraqaa qorannoo kanaa,haala itti fayyadama Galmee Jechoota Afaan Oromoo
qayyabanna Barnoota Afaan Ingilizii barattoota manneen barnoota Saqqaa Sadarkaa
LammaffaafiQophaa’inaa keessa jiru,sakattaa’uun ibsuudha. Qorannoon kun,mala makaa
(akkamtaafi hammamtaa)tiin geggeeffame.Kayyoo qorannoo kanaa galmaan gahuuf,meeshaalee
odeeffannoowwan ittiin funaanaman keessaa kanneen akka bargaaffii,afgaaffii fi daawwannaan
daree hojiirra oolanii jiru. Kanamalees,bargaaffilee yaanni isaanii walfakkaatan barattoota 112
fi barsiisota 10f raabsuun hundaisaanii harkaa funaanee deebii isaan kennan lakkoofsa
deebistootaa gabateerratti ,dhibeentaatti erga jijjiireen booda, yaanni waliigalaa deebii isaanii
maal akka fakkaatu madaallii qabxii olaanaatti fayyadamuun hiika ittikenneera.
Akkasumas,qoratichi afgaaffileedhaf immoo,odeeffannowwan daawwannaa dareefi bargaaffiitiin
argame qulqulleeffachuuf barattoota 6 gaafatee mirkaneeffateera. Walumaagalatti,odeeffannoon
qorannoo kanaa,malleen hammamtaafi akkamtaan(makaan)tiin ibsame. Argannoon qorannoo
kanaas,barattoonni manneen barnootaa iddatteeffaman kanneen keessatti argaman keessaa
baayyeen isaanii yeroo baayyeef qabiyyeen Barnoota A/ Ingiliii gara A/Oromootti hiikamee akka
dhiyaatuuf gaafachuun isaanii qabatama argateera, Kanamalees,rakkoon barattoota baayyee
manneen barnoota kanaa akka qabiyyeen barnootichaa gara afaan dhalootaa isaaniitti akka
hiikamuuf kan gaafataniif sababa ulfaatina hiika jechootaa qabiyyee barnootichaatiif akka ta’e
argannoon qarannoo kanaa ni ibsa. Gamabirootiin,Barattoonni manneen barnoota kanaa
rokkoo isaanii kana,ofirraa maksuuf, baayyeen isaanii yeroo baayyeef G/ Jechoota A/ Oromoo
aflameetti fayyadamuu akka jalqaban ragaa sassaabame irraa hubachuun danda’aameera.
Dabalataanis,Barsiisonni A/ Ingilizii manneen barnootichaas,faayidaa G/ jechootaatti
fayyadamuun qabuufi haala galumsa himaatiin fayyadamuun gahumsa ittifayyadamummaa
hiika jechootaa barattoota kanaa dabaluuf, darbee darbee carraaqaa akka jiran hubachuun
danda’aamera.Akkasumas, Barattoonni manneen barnoota kanaas,baayyeen isaanii
qayyabannaa qabiyyee Barnoota A/ Ingilizii keessatti faayidaa G/ jechootaatti fayyadamuun
qabu hubachuun, galmee jechootaatti haalaan fayyadamuuf carraaquu akka jalqaban, ragaaa
argame irraa hubachuun danda’aameera. Yaada furmaataa argannoo qorannoo kana keessatti
kenname ilaachisee, barsiisonni A/ Ingilizii manneen barnootichaa barattoota komachuu qofa
osoo hintaane,rakkoo barattoota kanaa adda baasuun,furmaata rakkoo kanaa ta’uu qabu.
Kanamalees,Sababa barattoonni kun qabiyyeen barnoota Afaan Ingilizii gara A/Oromootti
hiikamee akka dhiyaatuuf gaafatan kana adda baasuun rakkoo barattoota kanaa furuuf,
xiffeeffannoo guddaan irratti hojjachuu qabu. Akkasumas,Rakkoon barattoota baayyee manneen
barnoota kanaa harki caalu rakkoo gahumsa hiika jechoota A/ Ingilizii ta’uun ragaa
sassaabame irraa waan hubatameef, barsiisonni Afaan Ingilizii manneen barnoota kanaa rakkoo
gama kanaa furuuf,cimsanii irratti hojjachuu qabu.Kanamalees,barsiisonni kun, barattoonni
manneen barnoota kanaa G/ jechootaatti akka fayyadamanii fi gosoota G/ jechootaa barattoonni
kun itti fayyadaman haala itti fayyadama isaatiin walqabatee qajeelfama barbaachisu kennuun
barattoota kanaaf,kaka’umsa cimaa ta’e, uumuu qabu.