Abstract:
Qorannoon kun “xiinxala qabiyyee caaslugaa kitaabilee wabii Semmoo Natoofi Gadaa” jedhu
irratti kan gaggeef ame yoo ta’u, kaayyoon isaas, qabiyyeen caaslugaa kitaabilee wabii Natoo, Semmoofi Gadaa keessatti akkamitti akka dhiyaate xiinxaluun agarsiisuudha.Kaayyoo qorannoo
kanaa galmaan gahuuf maddi ragaa kitaabilee wabii Natoo, Semmoofi Gadaa dha.Ragaan
qorannoo kanaas sakatta’a dookimantiifi afgaaf ii barsiisotaaf dhiyaateen walitti qabamee
jira.Afgaaf itti kan dhimma bahameef akka odeef annoo dabalataatti waan qoraticha gargaaruuf
malee bu’uurri qorannichaa kitaabilee wabii Natoo,Semmoofi Gadaadha.Saxaxni qorannoo
kanaa saxaxa ibsaa yoo ta’u, mala qorannoo qulqulleef ataatti kan dhimma bahedha.Akaakuun
qorannoo kanaa, mala qorannoo keessaa mala qorannoo ibsaa gargaarameera.Sababiin
isaas,malli qorannoo ibsaa faayidaafi caasaa afaanii xiinsaga irraa kaasee hanga caasaa
himaatti jiran irratti hundaa’uun ibsa kenna.Ragaa kana irraa wanti hubatame,kitaaba wabii
Semmoo keessatti garee jechootaa ilaalchisee yaadni jiru kitaabilee wabii Natoofi Gadaa irraa
garaagarummaa kan qabu akka ta’edha.Kunis, garee jechootaa bakka afuritti kan qoodedha. Yaadni kitaaba wabii Natoo keessatti argamu immoo, baay’ee walxaxaa ta’ee kan dhiyaatedha. Haala qoodinsa garee jechootaa ilaalchisee kitaabilee wabii kanneen gidduu garaagarummaan
kan jiru akka ta’e qorannoon kun ifatti mul’iseera. Sakatta’a taasifamerraa akka hubatamutti
kitaabni wabii Semmoo caasaa xumuribsaa waan hindhiyeessineef akka caasluga Afaan
Oromootti kitaabni kun caasaan xumuribsaa taajaajilaan malee uunkaa kan hin mul’anne akka
ta’e waan mirkaneessefidha. Yaadni furmaataa qorannoo kanaa akka agarsiisutti qoodinsa
garee jechootaa ilaalchisee kitaabilee wabiiNatoo, Semmoofi Gadaa gidduu garaagarummaan
guddaa kan jiru akka ta’edha.Kunimmoo,akka caasluga Afaan Oromootti guddina afaanichaaf
gumaacha ni godha jedhamee yaadama. Akkasumas, qopheessitoonni kitaabilee wabii kunneen
maalummaafi moggaasa caasaa kanneen irratti waliin mari’achuun jechoota waaltawaafi
sadarkaa barattootaa giddugaleef ate irratti hundaa’uun osoo qopheessanii filatamaa ta’a