Abstract:
Qorannoon kun mata-duree Xiinxala Ergaa afwalaloo Sirba Geelloo Oromoo Godina
Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaana irratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffamedha.
Ka’umsa qorannoo kanaaf sababni inni guddaan, uummata Oromoo Aanaa Giddaa Ayyaana
biratti yeroo ammaa kana afwalaloon sirba geelloo irranfatamaa dhufuudha. Kaayyoon
gooroo qorannoo kanaa ergaa af walaloo sirba Geelloo Oromoo Godina Wallaggaa Bahaa
Aanaa Giddaa Ayyanaa xiinxaluu yommuu ta’u, Barbaachisummaan qorannoo kanaa immoo
namoota qorannoo bal’aafi gadifagoo dhimma mataduree kana waliin hidhata qaban irratti
gaggeessaniif odeeffannoo barbaachisaa ta’e kennuu, dargaggootni Oromoo aadaa isaanii
akkaa yaadataniif, akka jajjabeessaniifi ergaan sirba geelloo maal akka ta’e akka isaan
hubataniif, waajjira Aadaafi Turiizimii Aanichaaf akka madda ragaatti fayyaduun guddinaafi
dagaagina afoola Oromoofis tumsa guddaa niqaba.Malleen qorannoo kana keessatti hojiirra
oolanis,saxaxa qorannoo,madda odeeffannoo tooftaa miti-carraa ta'ee,madda ragaa
tokkoffaati. Malli iddatteessuu qorannoo kana keessatti itti fayyadames, mala iddattoo miti carraa ta'ee, iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaadha. Malli funaansa odeeffannoo kanaas
afgaaffii,mariigareefi daawwannaadhaan kan funaaname yommuu ta'u,malli qaaccessa
odeeffannooqorannoo kanaa immoo mala xiinxala ergaati. Kanas,naamusa qorannoo
barbaachisaa ta'etti fayyadamuun qorataan qorannoo kana gaggeesseera. Haaluma kanaan
qorannoo kun argannoowwaan bira gahamanis, Ragaalee xiinxalaman kanneenirraa afwalaloo
sirbi geelloo Oromoo Giddaa ergaawwan hawaasummaa, dinagdeefi siyaasa ibsan dabarsu.
Dabalataanis, sirboonni geelloo hawaasichaaf faayidaalee bashannansiisuu, safuufi aadaa
hawaasaa barsiisuu, eenyummaa ijaaruufi dhaloota haaraa onnachiisuu akka qabu
xiinxalameera. Qorannoon kun yaadiddama faayidaalee gosoonni beekumtaa jiruufi jireenya
hawaasaa keessatti qaban qorachuudhaan adda baasuuf kallattii namatti kan agarsiisudha.
Kana irraa ka’uudhaan, qorataan qorannoo kana afwalaloo sirba geelloo Oromoo aadaa
hawaasni sun dhimma bahu irratti hundaa’uun faayidaalee inni hawaasichaaf qabu
yaadiddama kana hordofuun xiinxalame jira.