Abstract:
Qorannoon kun kan gaggeeffame manneen barnoota Jimmaa sadarkaa 1ffaa, Giinjoo,
Mandaraafi Hibrat yoota’u, kaayyoon qorannichaas, Sakatta’a fedhii Barnootaa Afaan Oromoo
barattoota Magaala Jimmaa Afaan Oromoon afaan lammaffaa isaanii ta’e sakatta’uudha.
Xiyyeeffannoon qorannichaas maalummaa afaan lammaffafi waa’ee fedhii afaan lammaffaa
irrattidha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf meeshaan ragaan sassaabame barattoota, barsiisota,
habuurraa dareefi sakatta’a barruu barattootaa gargaaramuun walitti qabame bargaaffiidhaan
barattoota mala carraatiin iddattoodhaaf filataman 163(%30) irraa funaaname. Afgaaffiin
barsiisota Afaan Oromoo barsiisan sadii fudhachuun funaaname. Akkasumas tokko tokkoo
barsiisotaa bira marsaa sadii seenuun daawwannaan daree gageeffamefi sakatta’a barruu
barattootaa ilaalaman walitti qabame. Malli odeeffannoon itti funaanamefi qaaceffame mala
makaati. Odeeffannon mala ammamtaatiin argame gabateefi dhibeentaadhaan kaa’uun ibsi itti
kenname qaacceeffame. Malli akkamtaatiin argame immoo ibsaan dhiyaate.
Yaanni xumuraa qorannichaa akka agarsiisutti fedhii barattoonni Afaan Oromoo kutaa 5-8
barachuuf qaban giddu galeessa ta’ufi barsiisonni fedhii barumsichaa barattoota isaanii
keessatti uumuuf carraqanis gadaanaadha. Waantoonni Fedhii barattoota Afaan Oromoo akka
afaan lammaffatti barachuuf qaban irratti dhiibbaa geesisuu danda’aniis naamusa daree
eegsisuu dhiisuu, Afaan Oromoon akka isaan hinfayyadnetti fudhachuunfi hubannoo dhabuu,
yeroo baratan Afaan Amaaraa malee Afaan Oromoon dubbachuu rakkachuu, sababa wayitiin
xiqaachuurraa kan ka’e shaakala gahaa ta’e gochuu dhiisuufi barsiisonni duub deebii gahaa
ta’e kennuu dhiisuudha. Fedhii barattoota Afaan Oromoo baratan irratti dhiibbaa geessisan
furuuf barumsa tiitoriyaalii kennu, walitti dhufeenya barataafi barsiisaa cimsu, ofitti
amanamuummaa barattoota olguddisufi wayitii Afaan Oromoof ramadame dabaluudha.
Argannoo kana bu’uureeffachuun gaaffii ka’umsa qorannoo kanaaf furmaata ta’uu danda’a
jedhe malli baruu barsiisuu kan barataa giddu galeessa godhate osoo ta’e, barumsichi yeroo
kennamu Afaan Amaaraan makamuu baatee Afaanuma Oromoon osoo kenname, barumsi Afaan
Oromoo kutaa tokko jalqabee kenname, wayitiin Afaan Oromoof ramadame jiru osoo dabale,
barattoonni yeroo shaakala adda addaa godhan duubdeebiin barsiisotaan Kennamuun osoo
jajjabeeffaman fedhii qabaatan gaariidh