Abstract:
Hanga ammaatti qorannoon faarulee dhimma haadhaan walqabatanii jiran irratti
gadfageenya gaggeef ame bal’inaan hinjiru.Qorataan kun ergaa faaruu haadhaa godina
Wallaggaa Lixaa xiinxaluuf murteesse.Kaayyoon ijoo qorannoo kanaa qaaccessa ergaa
faaruu haadhaa ta’ee akkaataa itti fayyadama afwalaloo faaruu kanaa ilaaluun ergaa
akkamii dabarfachuufi yoomessa hawaasichi keessatti dhimma itti bahu haala hawaasa
godina kana keessatti argamuun qaaccessuun kaa’ame.Qorannoo kana galmaan gahuu kan
danda'u mala qorannoo qulqulleef ataa waanta'eef mala kanaan gadi fageenyaan ragaan
deeggaramuun ibsa barbaachisaa waliin odeef annoon argame qaaccef amee jira.Maddi
ragaawwan qorannoo kanaaf ta’us kan qindaa’e hawaasa keessatti odeefkeennitoota
jaarsolii,beerranfi barsiisota hubannoo afwalaloo faaruu haadhaa kana beekan 25 irraa
odeef annoo funaanuun mala iddatteessuu akkayyootti fayyadamuun mala qorannoo
akkamtaatti(qualitative) dhimma baheera.Argannoon qorannoo kanaa ergaan faaruu kanaa
jaalala haadhaa,gara laafina haadhaa,jabina haadhaafi haadha jajjabeessuu kan ofkeessaa
qabu yammuu ta’u,kan namoonni dhimma itti bahaniif ammoo yaaddoo qaban ittiin
ibsachuuf,nagaa ittiin dhaammachuuf,haadha duute ittiin yaadachuuf akka oolu bira
gahameera.Gama yoomessaan ammoo hiyyummaaf yeroo haadharraa fagaatan,dhiibbaaf
yommuu haadharraa fagaatan,yeroo dirree waraanaa jiraatanfi haadha duute yeroo
yaadatan akka itti dhimma bahan hubatameera.Yaboon qorannichaas qorannoon faaruu
kana irratti dabalataan geggeef amuu akka qabu,namoonni baratan faaruu kana walitti
qabuun bareef amaan kaa’uu akka qaban,haalli itti fayyadama isaa qoratamee dhalootaaf
dabarfamuu akka qabu,namni hunduu akka faaruun kun lafarraa hinbadneef gumaacha
irraa eegamu bahuu akka qabuudha.