Abstract:
Ka’umsi qorannoo kanaa barreef amni walaloo amma tokko barreef amaa jiru; qorannoon
barreef ama walaloo Oromoo irratti gaggeef ame garuu gad aanaa waan ta’eefidha. Kaayyoo
gooroon qorannoo kanaas akkaataafi ergaa walaloowwan Zalaalam Abarraa filatamoo kanneen
mata dureen isaanii Jedhe Diggaa Saaqoo, Koo Malli Maali? Fi Uggum Kubbaa Miillaa!
jedhan xiinxaluudha. Kana xiinxaluufis, kitaabilee wabii qorannoo kana tumsuuf gargaaran
hedduun sakatta’amaniiru. Xiinxala kanaas haala dhiyaannaa (stylistic approach) hordofee
hojjete. Qorannoon kun mala qaaccessa raga akkamtaa hordofee qaaccef ame. Jechootaan gadi
fageenyaan ibsuufis saxaxa qorannoo ibsa akkamtaa (qualitative descriptive) gargaarame. Ragaalee qorannichaaf barbaachisan walaloowwan qorannoo kanaaf filataman sadan
dubbisuun mala sakatta’a raga dookimantii/ kitaabaa gargaaramuun funaanaman. Malli
iddatteessuu qorannoo kanaas mala iddatteessuu miti carraa keessaa mala akkaayyootti dhimma
baheera. Adeemsa qorannoon akkamtaa ittii qaaccef amu keessaa mala qaaccessa barruu
gargaaramuun akkaataa walfakkeenya isaaniitiin walitti fiduun qaaccef amaniiru. Gama
akkaataa (style) ilaalchisee walqabsiisonni, jechoonni afaan biroo, dabinsi seerlugaafi
sagaleewwan walirraa hincinnee, malleen dubbiifi gosoonni suuressuu walaloowwan kanneen
keessatti argaman isaan kam akka ta’an adda baafamanii qaaccef amuun ibsi itti kennameera. Gama ergaa walaloo ilaalchisees ergaan walaloowwan filataman kunneenii dhimmoota akkam
akkamii irratti akka xiyyeef atan fakkeenya waliin adda baasuun ibsi itti kennameera. Adeemsa
kana hordofuunis goolabni qorannoo kanaa: Gosoonni walqabsiisotaa walaloo kana keessatti
argaman: walqabsiisota ogbarruufi seenawaa ta’uu, waloon jechoota guyyuu fayyadamnuun
alatti karaa seera afaanii hin eegneen jechoota afaan biroo, dabinsa seerlugaafi sagaleewwan
walirraa hincitne kan gargaarame ta’uu, akaakuun malleen dubbii walaloo kana keessatti
mul’atanii iddeesaa,akkasaa, nameessuu, eemitii, habalaka, arbeessuu fi mallattummaa ta’uu;
suuressuuwwan qorannoo kana keessatti argamanis suuressuu argee, dhageettii, fuunfannaa, sochiifi keessoo qaamaa ta’uu; Ergaan walaloowwan filataman kunneenii dhimmoota dinagdee, siyaasaa, hawaasummaa,aadaafi amantii irratti kan xiyyeef atu ta’uu kan agarsiis