Abstract:
Qorannoon kun mata duree “Xiinxala Qabiyyeefi Unka Weedduu Durbaa Godina Bunnoo
Beddellee” jedhu irratti gaggeef ame yommuu ta’u, kaayyoon qorannoo kanaa qabiyyeefi unka
weedduu durbaa xiinxaluu ta’ee, weedduu durbaa hawaasa aanaa Beddelleefi Gachii
xiinxaliidhaaf akka madda ragaa tokkof aatti hawaasa Oromoo aanotii lamman keessaa akka
odeefkennitootaatti filataman irraa odeef annoon funaanameera. Maddeen ragaa tokkof aa
aanaa Beddelleefi Gachii keessaa iddattoowwan kan filataman yommuu ta’u, iddattoowwan
kanneen filachuuf tooftaaleen iddatteessuu kaayyef ataafi malli iddatteessuu iyyaafannoo
hojiirra ooleera. Iddattoowwan filataman kanneen irraa odeef annoon afgaaf ii caasef amaa, marii garee xiyyeef ataafi daawwannaatiin funaanaman akkaataa qabiyyeefi unka weedduu
durbaatiin qoqqooduudhaan mala xiinxala ragaa akkamtaatiin xiinxalamaniiru. Adeemsa
xiinxala ragaa keessatti yaadiddamoota bifiyyeefi tajaajilaa kan dhimmi bahame yommuu ta’u, qabiyyeewwan weedduu durbaa keessatti argamaniifi unkawwan afwalaloo weedduu durbaa
keessatti dhimmootni ijoo ta’an ulaagaa kaa’ameen xiinxalamaniiru. Weedduu durbaa keessatti
qabiyyeewwan argaman kan akka tuf ii, jaalalaafi atakaaroo kkf. yommuu ta’u, unki walaloo
weedduu durbaa ulaagaalee kanneen akka buufata, birsaga, bo’oowwan, walunata
sagaleewwanniifi safara walaloo irratti hundaahuun xiinxalame. Qorannoo taasifameen
argannoowwan adda addaa kan dhiyaatan yommuu ta’u, buufatni walaloo weedduu durbaa irra
jireessaan buufata baay’ee gaggabaabaa ta’eefi toora afur hincaalle irraa ijaaraman. Haata’u
malee inni ol aanaan toora kudha tokko irraa kan ijaarame yommuu ta’u, buufanni toora torba
irraa ijaarame hinjiru. Gosoonni afwalaloo weedduu durbaa sadan bakka itti unka
walfakkaataa qaban akkuma jiru, bakki isaan unka walfakkaataa hinqabnes nijira. Haata’u
malee, unka cufaa qabaachuun ammoo wal isaan fakkeessa. Baay’inni birsaga tokko tokkoo
bo’oowwan keessatti argamu birsaga 6-8 hincaalu. Dabalataan weedduun durbaa yeroo ammaa
kanatti sadarkaa dagatamuu irra gahee jira. Kanaafuu, qorannoon dabalataa weedduu durbaa
irratti gaggeef amuu akka qabuufi aadaa kana tifkachuun barbaachisaa