Abstract:
Xiyyeef annoon qorannoo kanaa akkaataa madaallii walitti fufaa barsiisonni Kutaa 9f aa
barnoota Afaan Oromoo barsiisan dandeettii dubbisuufi barreessuu barattootaa irratti
bu’uuref achuun daree barnootaa keessatti itti fayyadaman adda baasuun xiinxaluudha. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’achuuf, qorataan ragaawwan qorannichaa funaanuuf
mala qorannoo makaa gargaaramee jira. Mana barumsa Cooraa Baggee sadarkaa 2f aa
mala mit-carraa kaayyef ataan kan filateedha.Odeef annoo kennitoonni barsiisotni 6, barattootni 100, koree deeggarsa muummee afaanii, 3,dura bu’aafi itti aanaa 2 fi
supparvaayzarri 1 mala iddatteessuu kaayyef ataan hirmaatanii jiru. Gama meeshaa
funaansa ragaatiin bargaaf ii barattoota qofaaf dhiyeessuufi afgaaf ii barsiisota, koree
deeggarsa muummee afaanii, dura bu’ootaafi supparvaayzaraaf dhiyeessuun
akkasumas,karoora guyyaa barsiisota Afaan Ooromoo sakatta’uun ragaan hammamtaafi
akkamtaan walitti qabame addaan qoodamuun xiinxalamee jira.Argannoon qorannoo kanaas:
barsiisonni mana barumsa Cooraa Baggee Sad.2f aa kutaa 9f aa barnoota Afaan Oromoo
barsiisan barattoota isaanii madaaluuf tooftaa muraasa kanneen akka:hojii manaa kennuu, battallee,qormaata giddugaleessaafi xumura semisteeraa qofa kan fayyadaman ta’uu. Ittifufuun, dandeettii barreessuufi dubbisuu barattootaatiif xiyyeef annoon kennamaa ture
gad-aanaa ta’uu bira gahameera. Akkasumas, kaayyoo madaallii barachuu barattootaa
hubachuuf (assessment of learning) qofa ta’uu isaafi barsiisonni madaallii booda duubdeebii
barattoota isaaniitiif kan hin kennine ta’uus bira gahameera. Kanaaf, barsiisonni ogummaa
ofii isaanii kan hin fooyyef anne ta’uun isaanii argannoo qorannoo kanaatiin bira gahamee
jira. Kanumarraa ka’uun, qoratichi yaada furmaata armaan gadii yoo kaa’u, barsiisonni, tooftaa madaallii adda addattii osoo dhimma bahanii gaarii ta’uufi madaalli irratti
hubannoo ga’aa qabaachuuf osoo leenjii addaa addaa argatanii gaarii ta’a.Akkasumas, madaallii kaayyoo sadiif osoo fayyadamanii bayeessa ta’uufi duubdeebii kennuun ogummaa
isaanii akka gabbifatan qaamni dhimmi ilaalu osoo hordof ii taasisee gaarii ta’a. Dabalataanis, barsiisonni dandeettii barreessuufi dubbisuu barattootaatiif xiyyeef annoon
kennamaa ture gad-aanaa waan ta’eef, yeroo madaallii gaggeessan dandeettiiwwan
kanneeniif xiyyeef annoo kennuu akka qaban