Abstract:
Qorannoon kun xiinxala akaakuu dogongora qubeessuu jechoota ergisaabarjaalee Afaan
Oromoon barreeffaman Magaalaa Adaamaa keessatti mul’atan keessaa kanneen guddina
ogbarruu Afaan Oromoorratti dhiibbaa fidanirratti xiyyeeffachuudhaan kan geggeeffameedha.
Jechoonni ergisaa barjaaleerratti dogoggoraan Afaan Oromoon barreeffamanii jiran namoota
seerluga Afaan Oromoo hinbeekne biratti akka waan sirrii ta’aniitti fudhatamuun dogoggorichi
akka babal’atu taasisaa jiru. Gama barreeffama ogbarruu Afaan Oromootiin yoo ilaalles gufuu
guddaa ta’uunsaanii beekamaadha.Kanaafuu, qorataan qorannoo kanaa muuxannoo qaburraa
ka’uun jalqaba rakkooleen gama qulqullinaafi fayyadama afaaniitiin mul’atan maal akka ta’an
addaan baasuun maddi rakkoolee kanneenii maal akka ta’e addaan baasuuf qorannoo kana
geggeessie. Bu’uuruma kanaan sadarkaa dogongora barreeffamoota barjaaleerratti mul’atan
keessaa kanneen guddina ogbarruu Afaan Oromoorratti dhiibbaa fidan xiinxaluuf qorataan
mala qorannoo qulqulleeffataatti dhimma baahe. Odeeffannoon qorannoo kanaaf barbaachisu
daawwannaafi af-gaaffiitti gargaaramuun walitti qabame. Odeeffannoon sassaabamanis haala
walitti dhufeenya qabaniin qindaa’uun xiinxalaman. Bifuma kanaan, dogoggora qubeessuu
jechoota ergisaa barjaalee Afaan Oromoon barreeffaman caasaa barreeffamaa Afaan Oromoo
(dogoggora dubbifamaa seeraan ala jabeessuufi laaffisuu, dubbachiistuu seeraan
ala dheeressuufi gabaabsuu, dogoggora irrabutaa, dogoggora qubee Afaan Oromoo addaan
baasuu dhabuu) bal’inaan akka mul’atu bu’aan qorannichaa agarsiiseera.Maddi
dogoggora kanneeniis Afaan Oromoorratti beekumsa ga’aa dhabuufi dhiibbaa beekumsa
caasaa afaan biroof Afaan Ingilizii) xiyyeeffannaa kennuufii dhabuudha. Rakkoolee kana furuuf,
ga’umsa Afaan Oromoo barreessitoota beeksisa barjaaleerraa cimsuu, waajjiroota dhimmi kun
ilaallatuuf muuxannoo hawaasa barjaalee kana dhaabbatan sanaa gama Afaan Oromoon
cimsuu, Ogeeyyiin Afaan Oromoon leenji'an gita hojii kanarratti heyyama baafatanii hojjetan
jiraachuu qabu. Miidiyaaleen garagaraa dhimma kanarratti xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu
qabu.