Abstract:
Qorannoon kun kan gaggeeffame walaloo sirboota qabiyyeen isaanii miidhaa fi diddaa Oromoo
ibsan irratti dha. Kaayyoon dimshaashaa qorannoo kanaa, walaloo sirboota Oromoo kanneen
miidhaafi diddaa mul`isan ergaa isaaniin xiinxaluudha. Haaluma walfakkatuun, qorannoon kun
Kan xiyyeeffatu walaloo sirbaa weellistoota Oromoo Ittiiqaa Tafarii, Caalaa Bultumee,
Galaanaa Gaaromsaa, fi Hacaaluu Hundeessaa bara 2013-2018tti gidduutti bahan irrattidha.
Bu’uuruma kanaan, walaloon sirboota 30 ta’an mala iddattoo xiyyeeffata irratti hunda’uun
qorannoo kanaaf filatamaniiru. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaa keessaa xiinxala
qabiyyee (content analysis) fayyadamuun ragaaleen xiinxalamaniiru. Yaadxinni qorannoon kun
bu’uureeffate yaadxina hawaasummaa fayyadamuun ergaan ijoo walaloo sirbaa haala
hawaasummaa, siyaasaa, fi dinagdee keessa jiruu mul’isuun hiika isaa xiinxaluuf dhimma itti
bahameera. Qaaccessa qabiyyee walaloo sirbaa miidhaa Oromoo irratti gaggeeffameen ergaan
ijoo isaanii tokkummaa dhabuu, godaansa, haqa dhabuu, miidhaa siyaasaa fi dinagdee akka ta’e
bu’aan qorannoo kun ni mul’isa. Ergaan ijoo miidhaama ummata Oromoo qabiyyee walaloo
sirba kana keessatti qorannoo kanaan argaman, reebicha, hidhuufi dararuu, qaama hirisuu,
ajjeechaa, himannaa sobaanii fi ragaa sobaan murtii kennuu, barnoota irra ari’uu, sodaachisuu
fi dorsisuu,saamicha lafaa, lafa irra buqqisuun, isaan gurguddoodha. Miidhaa fi dhiibbaan
ummata Oromoo irra karaa hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdeetiin irra gahaa jiru jala bahuuf,
kutaaa fi amantiidhaan osoo wal hin qoodin tokkummaa isaa cimsee falmii gaggeessuun mirga
abbaa biyyummaa isaa mirkaneffachuu akka qabu ergaan ijoo walaloo sirbaa kanaa bal’inaan
ni mul’isa. Dabalatanis, walaloo sirba miidhaa fi diddaa Oromoo irratti xiyyeeffatani bahan
keessatti ergaan ijoo isaanii, gootummaa, tokkummaa, seenaa, biyya (Oromiyaa) faarsaan
qorannoon kun ni mul’isa. Akka waliigalaa walaloo sirba weellistoota kanaa miidhaafi dhiibbaa
ummata Oromoo irra karaa hawaasummaa, siyaasaa, dinagdeetiin sirna mootummaa kana
keessatti gahaa jiru jijjiiruuf, hubannoo ummataa uumuu fi kakaasuu keessatti gahee salphaa
taphachaa hin ture. Xumurarratti gaheen walaloon sirbaa weellistoota Oromoon wellifaman
qabsoo ummata Oromoo keessatti qaban qabiyyeen isaanii xiinxalame barreeffaman dhaloota
dhufuuf dabarsuufi barsiisuuf gara fuula duraatti xiyyeeffannaan itti kennamee qoratamu
akeekuudha.