Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Qabiyyee Walaloo Sirboota Miidhaa fi Diddaa Oromoo Ibsan: Kan Bara 2013-2018tti

Show simple item record

dc.contributor.author Soofiyaa Huseen
dc.date.accessioned 2021-01-22T07:43:39Z
dc.date.available 2021-01-22T07:43:39Z
dc.date.issued 2019
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/5214
dc.description.abstract Qorannoon kun kan gaggeeffame walaloo sirboota qabiyyeen isaanii miidhaa fi diddaa Oromoo ibsan irratti dha. Kaayyoon dimshaashaa qorannoo kanaa, walaloo sirboota Oromoo kanneen miidhaafi diddaa mul`isan ergaa isaaniin xiinxaluudha. Haaluma walfakkatuun, qorannoon kun Kan xiyyeeffatu walaloo sirbaa weellistoota Oromoo Ittiiqaa Tafarii, Caalaa Bultumee, Galaanaa Gaaromsaa, fi Hacaaluu Hundeessaa bara 2013-2018tti gidduutti bahan irrattidha. Bu’uuruma kanaan, walaloon sirboota 30 ta’an mala iddattoo xiyyeeffata irratti hunda’uun qorannoo kanaaf filatamaniiru. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaa keessaa xiinxala qabiyyee (content analysis) fayyadamuun ragaaleen xiinxalamaniiru. Yaadxinni qorannoon kun bu’uureeffate yaadxina hawaasummaa fayyadamuun ergaan ijoo walaloo sirbaa haala hawaasummaa, siyaasaa, fi dinagdee keessa jiruu mul’isuun hiika isaa xiinxaluuf dhimma itti bahameera. Qaaccessa qabiyyee walaloo sirbaa miidhaa Oromoo irratti gaggeeffameen ergaan ijoo isaanii tokkummaa dhabuu, godaansa, haqa dhabuu, miidhaa siyaasaa fi dinagdee akka ta’e bu’aan qorannoo kun ni mul’isa. Ergaan ijoo miidhaama ummata Oromoo qabiyyee walaloo sirba kana keessatti qorannoo kanaan argaman, reebicha, hidhuufi dararuu, qaama hirisuu, ajjeechaa, himannaa sobaanii fi ragaa sobaan murtii kennuu, barnoota irra ari’uu, sodaachisuu fi dorsisuu,saamicha lafaa, lafa irra buqqisuun, isaan gurguddoodha. Miidhaa fi dhiibbaan ummata Oromoo irra karaa hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdeetiin irra gahaa jiru jala bahuuf, kutaaa fi amantiidhaan osoo wal hin qoodin tokkummaa isaa cimsee falmii gaggeessuun mirga abbaa biyyummaa isaa mirkaneffachuu akka qabu ergaan ijoo walaloo sirbaa kanaa bal’inaan ni mul’isa. Dabalatanis, walaloo sirba miidhaa fi diddaa Oromoo irratti xiyyeeffatani bahan keessatti ergaan ijoo isaanii, gootummaa, tokkummaa, seenaa, biyya (Oromiyaa) faarsaan qorannoon kun ni mul’isa. Akka waliigalaa walaloo sirba weellistoota kanaa miidhaafi dhiibbaa ummata Oromoo irra karaa hawaasummaa, siyaasaa, dinagdeetiin sirna mootummaa kana keessatti gahaa jiru jijjiiruuf, hubannoo ummataa uumuu fi kakaasuu keessatti gahee salphaa taphachaa hin ture. Xumurarratti gaheen walaloon sirbaa weellistoota Oromoon wellifaman qabsoo ummata Oromoo keessatti qaban qabiyyeen isaanii xiinxalame barreeffaman dhaloota dhufuuf dabarsuufi barsiisuuf gara fuula duraatti xiyyeeffannaan itti kennamee qoratamu akeekuudha. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Qabiyyee Walaloo Sirboota Miidhaa fi Diddaa Oromoo Ibsan: Kan Bara 2013-2018tti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account