dc.description.abstract |
Kaayyoon qorannoo kanaa xaxima Afaan Oromoo durduriiwwanii filataman keessatti akaakuu
isaa, tajaajila hima hirkatoo isaa xinxaluudha. Ka’umsi qorannichaa ammoo, qorannoowwan
xaximaan walqabatan haala dhihaannaa kitaabota barnoortaafi wabiitiin ala xaxima Afaan
Oromoo xiinxaluun kan hinagarsiisne waan ta’eefidha. Qorattuun qorannoo kanaa Saxaxa ibsaa
ttidhimma baatee jirti. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan gahuuf, maddi ragaalee madda ragaa
sadarkaa tokkoffaatti gargaaramuun odeeffannoon funaanamanii jiru. Akaakuun qorannoo kanaa
akkamtaa waan ta’eef, odeeffannoo funaanaman irratti hundaa'uun qaaccessa taasifameen,
akaakuun xaximootaa hafee keessatti argamu adda bahuun bu’aa akkamii akka qabu adda
bahuun gadi fageenyaan xiinxalamee jira. Xiinxala kana bu’uura taasifachuun qorattuun
qorannoo kanaa himoonni walirratti hirkatan tajaajiloota hedduu akka qabaniifi kutaalee isaan
irra jiran hunda mul’isuun ammoo kutaalee walduukaa hiriiruun hiika keessatti tajaajilan
seerluga isaan nuuf kennaniifi gareewwan jechootaa isaanii hubachuuf akka gargaaran
hubatamee jira. Walumaa galatti, qorannoon kun xaximoota Afaan Oromoo irratti adeemsifamuun
tajaajila seerluga xaximaa ragaadhaan lafa keesse jirti.Gama fuulduratti ammoo, qorattoonni
biroo himoota Afaan Oromoo biroo irratti qorannoo adeemsisuun kutaalee himootaa irratti
argaman adda baasuun gaarii ta’a |
en_US |