Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Dandeettii Hiika Jechootaa Barattootaa: Afaan Oromoo: Haala Mana Barumsaa Nophaa Sadarkaa 2ffaa Kutaa11ffaa Fi 12ffaa

Show simple item record

dc.contributor.author Salamoon, Lammeessaa
dc.contributor.author Cimdii, Waaqumaa
dc.contributor.author Tashoomaa, Balaayinaa
dc.date.accessioned 2023-02-15T09:25:05Z
dc.date.available 2023-02-15T09:25:05Z
dc.date.issued 2015-03
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/7764
dc.description.abstract Qorannoon kun mata-duree Xiinxala Dandeettii hiika jechoota barattootaa Afaan Oromoo kutaa 11ffaa fi 12ffaa haala mana Barumsa Nophaa sadarkaa 2ffaa irratti kan taasifamee dha. Kaayyoon qorannichaa dandeettttii hiika jechoota barattootaa kutaa 11ffaa fi12ffaa mana barumsaa Nophaa sadarkaa 2ffaa rakkina maal maalii akka ta’e xinxaluu dha. Filannoon mana barumsaa kun iddatteessuu akkayyootiin yoo ta’uu; Qorataan qorannicha galmaan gahuuf gosa qorannoo makaa, xinxala jecha ibsaa, mala akkamtaa akkasumas ammamtaatti dhimma baheera. Meeshaalee odeeffannoo ittiin funaanaman qormaataa barattootaafi afgaaffii barsiisotaatti dhimma baheera. Haalli iddattoon itti funaanames barattoota kutaa 11ffaa fi 12ffaa barnoota isaanii barachaa jiran 422 keessaa barattoota 68f mala carraatiin filatamanii qormaatani kan kennameef yammuu ta’u qormaatichis koree qormaata mana barumsichaatiin sorooramee qoratichatti deebi’uun dhibba keessaa baasuun xiinxalameera. Akkasumas, barsiisota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa fi 12ffaa barsiisaa jiran shanirraa afgaaffiin sassaabameera. Odeeffannoowwan funaanaman kunneenis isaan lakkoofsaan funaanaman mala ammamtaan, isaan jechaan funaanaman immoo mala akkamtaan qaacceeffamaniiru. Akkasumas, hanqinaalee isaan danddeettii hiika jechootaa irratti argisiisan hiika kallattiifi hiikheddeedhaan gadaanaa akka ta’aan akkasumas qajeelfama qormaata sirriitti hordofuu dhabuu, jechoota Afaan Oromootiin gaafataman Afaan amaariffaatiin deebisuu, qabiyyeewwan hiika jechootaa walkeessa makuun rakkoo barattootaa akka ta’ee hubatameera. Xumurarrattis barsiisonni Afaan Oromoo barsiisan xiyyeeffannoo kennuu akka qaban, barattoonnii aadaa dubbisuu isaanii akka cimsatanuufi barsiisonnis jajjabeessuu akka qabanu akka yaada furmaataatti kaameera. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Xiinxala Dandeettii Hiika Jechootaa Barattootaa: Afaan Oromoo: Haala Mana Barumsaa Nophaa Sadarkaa 2ffaa Kutaa11ffaa Fi 12ffaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account