Abstract:
Kaayyoon Qorannoo kanaa Itti fayyadama afaanii Asoosama Qoraattii Sammuu jedhu irratti
xiyyeeffachuun qaaccessuudha. Ka‟umsi isaatis afoolaafi aadaa Oromoo baay‟ee irratti
qorannoon kan gaggeeffame yommuu ta‟u ogbarruu barreeffamaa Afaan Oromoo irratti garuu
akka ragaalee adda addaa irraa argamutti qorannoon gaggeeffame baayy‟ee muraasa. Kun kan
agarsiisu xiyyeeffannoon ogbarruu barreeffama Afaan Oromootiif kennamaa kan hin jirre ta‟uu
isaa nama hubachiisa. Qorannoon kunis wantoonni xiyyeeffannoo dhaban kunniin haala itti
xiyyeeffannoo argachuu danda‟aniifi fayyadamni afaanii sirna barnootaafi qophii kitabilee
barnootaa keessatti yoo hammataman faayidaan isaan barnoota afaanii keessatti qaban
guddachuu akka danda‟u hubachiisuufi qaaccessuu irratti xiyyeeffatee kan hojjetamedha.
Qorannaan kun yaaxxinaalee hayyoota adda addaatiin kaa‟aman keessaa yaaxxina
fayyadamummaa gargaaramuun kan dhihaateedha. Fayyadamni kun ammoo, dhugaa hawaasa
keessatti mul‟atu waan ta‟eef, dhugaa jiruufi jireenya namaa keessa jiru miidhagsee akka jirutti
kan dhiyeessuudha. Akkasumas Qorannoowwan walfakkii kan Kadir Alii Asoosama Aarsaa jedhu
Yuunversiitii Finfinneetti hojjetameefi kan Gimaa Addunyaa Asoosama Dibaa jedhu irratti Yuunversiitii
Finfinneetti hojjetamee ka‟umsa taasifateera. Qorataan kunis kitaaba asoosama qoraattii sammuu
jedhuu gadfageenyaan dubbisuun ragaalee barbaachisan guuruun ragaalee funaanaman sana
irratti hunda‟uun Qorataan qorannoo kana adeemsise mala akkamtaatti gargaaramera. Itti
fayyadamni afaanii asoosamicha keessatti argamanis malleen dubbii gosa garaagaraa
lakkofsaan kudhan (10) ta‟an tokkoo tokkoo isaanii addaan baasuun qaacceffamanii jiru.
Mammaaksa qabiyyee isaaniin addaan qooduunfi jechamoota qabiyyee isaaniin addaan
baasuun kanneen asoosamicha keessatti argaman okko tokko isaanii boqonnaa afur keessatti
qaacceffamaniru. Akkasumas boqonnaa shan keessatti cuunfaa, argannoofi yaboon dhiyaateera.