Jimma University Open access Institutional Repository

Waraqaa Qorannoo Yunversiitii Jimmaa Kolleej Jii Saayinsii Hawaasaafi Hiyumanitiitii Damee Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruu

Show simple item record

dc.contributor.author Taakkalee, Dabaloo
dc.contributor.author Alamaayyoo, Faqqadaa
dc.contributor.author Taayyee, Guddataa
dc.date.accessioned 2023-03-29T12:33:38Z
dc.date.available 2023-03-29T12:33:38Z
dc.date.issued 2022-11
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/8081
dc.description.abstract Kaayyoon Qorannoo kanaa Itti fayyadama afaanii Asoosama Qoraattii Sammuu jedhu irratti xiyyeeffachuun qaaccessuudha. Ka‟umsi isaatis afoolaafi aadaa Oromoo baay‟ee irratti qorannoon kan gaggeeffame yommuu ta‟u ogbarruu barreeffamaa Afaan Oromoo irratti garuu akka ragaalee adda addaa irraa argamutti qorannoon gaggeeffame baayy‟ee muraasa. Kun kan agarsiisu xiyyeeffannoon ogbarruu barreeffama Afaan Oromootiif kennamaa kan hin jirre ta‟uu isaa nama hubachiisa. Qorannoon kunis wantoonni xiyyeeffannoo dhaban kunniin haala itti xiyyeeffannoo argachuu danda‟aniifi fayyadamni afaanii sirna barnootaafi qophii kitabilee barnootaa keessatti yoo hammataman faayidaan isaan barnoota afaanii keessatti qaban guddachuu akka danda‟u hubachiisuufi qaaccessuu irratti xiyyeeffatee kan hojjetamedha. Qorannaan kun yaaxxinaalee hayyoota adda addaatiin kaa‟aman keessaa yaaxxina fayyadamummaa gargaaramuun kan dhihaateedha. Fayyadamni kun ammoo, dhugaa hawaasa keessatti mul‟atu waan ta‟eef, dhugaa jiruufi jireenya namaa keessa jiru miidhagsee akka jirutti kan dhiyeessuudha. Akkasumas Qorannoowwan walfakkii kan Kadir Alii Asoosama Aarsaa jedhu Yuunversiitii Finfinneetti hojjetameefi kan Gimaa Addunyaa Asoosama Dibaa jedhu irratti Yuunversiitii Finfinneetti hojjetamee ka‟umsa taasifateera. Qorataan kunis kitaaba asoosama qoraattii sammuu jedhuu gadfageenyaan dubbisuun ragaalee barbaachisan guuruun ragaalee funaanaman sana irratti hunda‟uun Qorataan qorannoo kana adeemsise mala akkamtaatti gargaaramera. Itti fayyadamni afaanii asoosamicha keessatti argamanis malleen dubbii gosa garaagaraa lakkofsaan kudhan (10) ta‟an tokkoo tokkoo isaanii addaan baasuun qaacceffamanii jiru. Mammaaksa qabiyyee isaaniin addaan qooduunfi jechamoota qabiyyee isaaniin addaan baasuun kanneen asoosamicha keessatti argaman okko tokko isaanii boqonnaa afur keessatti qaacceffamaniru. Akkasumas boqonnaa shan keessatti cuunfaa, argannoofi yaboon dhiyaateera. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Waraqaa Qorannoo Yunversiitii Jimmaa Kolleej Jii Saayinsii Hawaasaafi Hiyumanitiitii Damee Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruu en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account