Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa xiinxala dhihannaafi ga’umsa gaaffilee seerlugaa qabiyyee
qormaata xumuraa Afaan Oromoo kutaa 12ffaa barsiisotaan qophaa’anii bara barnootaa 2012fi
2013tti Mana barumsa Sokorruu sad.2ffaatti kennaman irratti xiyyeefata.Galma ga'iinsa
kaayyichaatiif madda ragaa sad.tokkoffaafi madda ragaa sad.lammaffaati.KB, QBfi qormaannii
mala iddatteessuu akkaayyoo, barsiisonnii immoo mala iddatteessuu argamteetti fayyadamuun
filatamaniiru. Iddattoolee kanneen irraa ragaa walitti qabuuf ammoo Meeshaalee fuunaansa
ragaa afgaaffiifi sakatta’a ragaa gargaaramuun ragaalee KB, QBfi qorumsa seem. 1ffaafi 2ffaa
Afaan Oromoo kutaa 12ffaa kan yeroon qorannoo irratti xiyyeeffataman sakatta’uun ragaaleen
walitti qabamaniiru. Qorannichis, gosa qorannoo makaa kan dhiyaate ta'ee, saxaxa ibsaan kan
ibsameedha.Haalakanaan ragaawwan hammamtaa tooftaa istaatiksii fayyadamuun
xinxalameera. Ragaalee sakatta’a KB, QBfi qorumsaawwan irraa argaman gara hammangeetti
jijjiiruun hariiroo qorumsawwaniifi kitaaba barnootaa kutaa 12ffaa gidduu jiru mala koofsheentii
sadarkaa walitti dhufeenyaa ispiirsmaaniidhaan fayyadamuun qaaccefamee firiin argame P =
0.541 yammuu ta’u, hangi firoominaa qabiyyeewwan seerlugaa kitaaba barnootaa kutaa 12ffaafi
gaaffilee seerlugaa qabiyyeewwan qormaata xiyyeefatamoo gidduu jiruu giddugaleessaa
(Moderate) ta'uu isaa agarsiisa. Ibsi kunis, sadarkaa firoomina sirrii ta’een gadi akka ta’e
hubachuun barbaachisaadha.Kun immoo qorumsawwan BAO kunniin sadarkaan ga’umsa
qabiyyee isaanii giddugaleessa akka ta’e agarsiisa.Akkasumas, qorumsawwan kana keessatti
qabiyyeewwan seerlugaa guutummaan guututti ta'uu baatuus harka caalaa kan ta’an
hammatamuu isaanii mirkanaa'eera. Qormaata xumuraa BAO bara 2012 seem.1ffaafi 2ffaa
keessatti qabiyyeewwan dhamjecha, hennaa, ciroo, walqabsiiftootafi Sirna tuqaalee Akkasumas,
bara 2013 seem.1ffaafi 2ffaa keessatti immoo hennaa, ciroo, walqabsiiftootafi sirna tuqaalee
qabyyeewwan qormaata keessatti akka hinhammatamne mirkanaa'eera.Qajeeltoowwan haala
dhihannaa qormaataatiin qormaannii xiyyeefatamoon ciminna kan qaban yoo taa'an iyyuu
hanqinoota baay’ee akka qaban bira gahameera. Argnnoon kunis, deebiin barsiisonnii qormaata
qopheessan kennaniis kanuma kan cimsu akka ta’e ilaalameera.Dhumarrattis, hanqinoota
gaaffilee qabiyyeewwan seerlugaa irratti mul'atan qormaata gara fuulduraa qopha'an irratti
akka hinuumamneefi ofeeggannoo taasifamuu qaburratti yaannii ka'ameera.