Jimma University Open access Institutional Repository

Waraqaa Qorannoo Ulaagaa Digirii Lammaffaa Afaan Oromoofi Ogbarruu Barsiisuun Guuttachuuf Qophaahee Yuunivarsiitii Jimmaa Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaatti Damee Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruutiif Dhiyaate

Show simple item record

dc.contributor.author Mahadii, Mahammad
dc.contributor.author Tashoomaa, Balaayinaa
dc.contributor.author Biraanuu, Damee
dc.date.accessioned 2023-10-09T08:48:27Z
dc.date.available 2023-10-09T08:48:27Z
dc.date.issued 2022-03
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/8572
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa xiinxala dhihannaafi ga’umsa gaaffilee seerlugaa qabiyyee qormaata xumuraa Afaan Oromoo kutaa 12ffaa barsiisotaan qophaa’anii bara barnootaa 2012fi 2013tti Mana barumsa Sokorruu sad.2ffaatti kennaman irratti xiyyeefata.Galma ga'iinsa kaayyichaatiif madda ragaa sad.tokkoffaafi madda ragaa sad.lammaffaati.KB, QBfi qormaannii mala iddatteessuu akkaayyoo, barsiisonnii immoo mala iddatteessuu argamteetti fayyadamuun filatamaniiru. Iddattoolee kanneen irraa ragaa walitti qabuuf ammoo Meeshaalee fuunaansa ragaa afgaaffiifi sakatta’a ragaa gargaaramuun ragaalee KB, QBfi qorumsa seem. 1ffaafi 2ffaa Afaan Oromoo kutaa 12ffaa kan yeroon qorannoo irratti xiyyeeffataman sakatta’uun ragaaleen walitti qabamaniiru. Qorannichis, gosa qorannoo makaa kan dhiyaate ta'ee, saxaxa ibsaan kan ibsameedha.Haalakanaan ragaawwan hammamtaa tooftaa istaatiksii fayyadamuun xinxalameera. Ragaalee sakatta’a KB, QBfi qorumsaawwan irraa argaman gara hammangeetti jijjiiruun hariiroo qorumsawwaniifi kitaaba barnootaa kutaa 12ffaa gidduu jiru mala koofsheentii sadarkaa walitti dhufeenyaa ispiirsmaaniidhaan fayyadamuun qaaccefamee firiin argame P = 0.541 yammuu ta’u, hangi firoominaa qabiyyeewwan seerlugaa kitaaba barnootaa kutaa 12ffaafi gaaffilee seerlugaa qabiyyeewwan qormaata xiyyeefatamoo gidduu jiruu giddugaleessaa (Moderate) ta'uu isaa agarsiisa. Ibsi kunis, sadarkaa firoomina sirrii ta’een gadi akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.Kun immoo qorumsawwan BAO kunniin sadarkaan ga’umsa qabiyyee isaanii giddugaleessa akka ta’e agarsiisa.Akkasumas, qorumsawwan kana keessatti qabiyyeewwan seerlugaa guutummaan guututti ta'uu baatuus harka caalaa kan ta’an hammatamuu isaanii mirkanaa'eera. Qormaata xumuraa BAO bara 2012 seem.1ffaafi 2ffaa keessatti qabiyyeewwan dhamjecha, hennaa, ciroo, walqabsiiftootafi Sirna tuqaalee Akkasumas, bara 2013 seem.1ffaafi 2ffaa keessatti immoo hennaa, ciroo, walqabsiiftootafi sirna tuqaalee qabyyeewwan qormaata keessatti akka hinhammatamne mirkanaa'eera.Qajeeltoowwan haala dhihannaa qormaataatiin qormaannii xiyyeefatamoon ciminna kan qaban yoo taa'an iyyuu hanqinoota baay’ee akka qaban bira gahameera. Argnnoon kunis, deebiin barsiisonnii qormaata qopheessan kennaniis kanuma kan cimsu akka ta’e ilaalameera.Dhumarrattis, hanqinoota gaaffilee qabiyyeewwan seerlugaa irratti mul'atan qormaata gara fuulduraa qopha'an irratti akka hinuumamneefi ofeeggannoo taasifamuu qaburratti yaannii ka'ameera. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Waraqaa Qorannoo Ulaagaa Digirii Lammaffaa Afaan Oromoofi Ogbarruu Barsiisuun Guuttachuuf Qophaahee Yuunivarsiitii Jimmaa Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaatti Damee Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruutiif Dhiyaate en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account