dc.description.abstract |
Qorannoon kun kan gaggeeffame Godina Jimmaa Aanaa Nadhii Gibee mana barumsaa Ifa
Akkoo sadarkaa lammaffaa irrattidha. Qorannoon kun xiinxala dandeettii keeyyata barreessuu
barattoota kutaa 11ffaa mana barumsaa Ifa Akkoo sadarkaa lammaffaa irratti xiyyeeffata.
Ka’umsi qorannoo kanaas, rakkoowwan dandeettii keeyyata barreessuu barattoota kutaa 11ffaa
bara2015 keessatti mul’atu xiinxaluun argannoo dandeettii keeyyata barreessuu kana keessatti
bira ga’ame adda baasuun fala isaa waliin ibsuudha. Kaayyoon qorannoo kanaa dandeettii
keeyyata barreessuu barattoota kutaa 11ffaa xiinxaluudha. Saxaxni qorannichi itti gaggeeffame
saxaxa qorannoo ibsaadha. Baay’ina barattoota 135 keessaa dhiirota14fi dubartii16 mala
iddattoo carraa keessaa iddatteessuu sirnaawaan filatamanii ragaan irraa sassabameera.
Kanamalees, mala iddatteessuu miti carraan filatamanii barsiisoota afaan Oromoo kutaa 11ffaa
barsiisaan 2fi dubartii 1irraa ragaan sassabamee jira.Walumagalatti, iddattoo 33(saddomii
sadii) irraa ragaan funaanamuun qorannoon kun gaggeffameera. Meeshaalee ragaaleen
ittiin
funanaame af-gaaffii, bar-gaaffii, daawwannaafi qormaata barreeffamaan barattootaaf kennuun
funaaname. ragaan af-gaaffii irraa walitti qabameefi bar-gaaffii cufaafi banaa irraa argame
mala akkamtaa kan xiinxalame yoo ta’u, odeeffannoo bifa lakkoofsa qabuun argame ammoo,
mala hammamtaa (safarataa) kan xiinxalamedha. Argannoon argames sirna tuqaaleefi
qubguddeessa bakka hinbarbaachisnetti fayyadamuufi barreeffama isaanii keessatti amaloota
keeyyata gaarii guutanii,caasaa keeyyatni tokko qabu guutanii kan hinbarreessineefi gumee
qopheessuun gara barreessutti seenuu kan hin dandeenyedha. Akkasumas, walqabsiistotatti fayy
adamuu dhiisuufi filannoo jechootaa eeganii kan hin barreessine yommuu ta’u;barsiisonni akka
isaan keeyyata barreessan kan hin shaakalchiisne, barnoota isaanii sadarkaa tokkoffaa keessatti
kan Afaan Oromoo barsiisu Barsiisota Afaan Oromootiin hinleenji’iin yookiin hineebbifamiin
ta’uu, wayitiin gosa barnoota Afaan Oromoof ramadame ga’aa ta’uu dhiisuufi barsiisonni
barattoota keeyyata barreessisuu irratti xiyyeeffannoo kan hin kenniine akka ta’e argannoon
mul’ateera.
Itti
Argannoo kana irratti hundaa’uun yaanni furmaataa akka gadiitti kaa’amee jira.
Kunis,Barsiisotni yeroo waa’ee keeyyataa barsiisan ibsanii darbu dhiisanii akka barattootni
barreessan otoo taasisanii;itti fayyadama sirna tuqaalee barreeffama keessatti iddoo qubgud
deessi
barreeffamu,
filannoo
jechootaa, seerlugaafi
himoonni
akkamitti
akka qindaa’anii keeyyata gaarii ijaaran otoo sirriitti hubachiisanii,Kana malees, barsiisotni
xiyyeeffannoon
dandeettii keeyyatabarreesssuu barattoota otoo shaakalchisanii, wayitiin gosa
barnoota Afaan Oromootiif ramadames otoo fooyya’ee barattoota dandeettii keeyyata barrees
suu irra deddeebiinshaakalnii gaariidha kan jedhuun xumurameera. |
en_US |