Abstract:
Qorannoon kun mata duree xiinxala namfakkiilee dubartootaa asoosama “Godaannisaa”
maxxansa 2ffaa irratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoon guddaan qorannoo kanaa namfakkiileen
dubartootaa asoosama eerame keessatti gaheewwan jiruufi jireenya hawaasaa keessatti isaan
qaban maal akka fakkaatu gad fageenyaan xiinxaluudha .Qorannichaaf ka‟umsa kan ta‟e qeeqa
gama ogbarruu Oromoon dhimmoota namfakkiilee dubartootaa ilaalchise baay‟inaan mul‟achuu
dhabuufi hojiileen asoosamoota Oromoo irratti hojjetaman muraasa ta‟uu isaati. Gosti qorannoo
qorataan gargaarame qorannoo akkamtaa yookiin qulqulleeffataadha. Kanas odeeffannoo mala
sakata‟iinsa
kitaabaatiin harshammee
(barruun) kan funaannamedha. Haaluma
kanaan
asoosamoota Oromoo jiran keessaa “Godaannisaa”maxxansa 2ffaa filachuun, gaaffiiwwan gahee
namfakkiileen dubartootaa gama hawaasummaan, diinagdee,siyaasa,aadaafi seenaatiin akkasuma
s,gama xiinsammuutiin qabantu xiinxalame. Akkasumas, haala bocama namfakkiilee dubartootaa
itti
bu‟uureffaman, akkaataa isaan hariiroo koorniyaa
namfakkiilee dubartootaa irra gahan; miidhaa
waliin
aangeffamaniifi
miidhalee
gama xiinsammuu, qaamaafi diinagdeen jiran
keessatti asoosama eerame keessatti xiinxaluun ibseera. Bu‟uuruma kanaan, xiinxalichi qabxiil
ee tarreeffaman kana jalatti hafeewwan adda addaa asoosamicha keessaa kan fudhatamedha.
Kanaafuu, bu‟aa qorannichaa gaheewwan namfakkiilee dubartootaa ilaalchisee gama hawaasu
mmaan,asoosama„Godaannisaa‟ maxxansa 2ffaa keessatti dubartoonni rakkoo isaan quunnamuuf
yeroo kunuunsa waliif taasisaniifi furmaata walii kennantu seeneffameera. Gama diinagdeetiin du
bartoonni qabeenyaan kan of danda‟aniifi
hirkatoo ta‟uun dhiyaataniiru. Gama siyaasa
an ilaalchisee, olaantummaa dhiibbaa siyaasaa bara sanaa jalaa miliquuf jecha akka maqaa
isaanii ganamaa jijjiiranii of dhoksanii jiraatan
mul‟isa. Gama aadaafi seenaa keessattis
hanga ta‟e aadaa duudhaa sirna qopheessuun agarsiisuu yaalanis seenaa dabarsuufi safuu hawaa
sichaa cabsuu aadaafi duudhaa ofii dhoksanii kan ormaa jala figuuti barruu kana keessaatti agars
iifameera. Aadde Duree osoo fira ofiifi kan abbaa manaa ofii hin mariisisiin akka aadaatti nam
niishee fuudhuu danda‟u (jifuun) osoo
jiruu alagaa waliin baduu, Aadde Koonnisee abbaa
manaa osoo qabduu alagticha maqaa amantiidhaan qabatee adeemu faana sagaagaluu mul‟ifa
meera. Kanaafuu, dubartoonni aadaa hawaasichaa eeguu keessatti hanqina kan qabaniifi safuu
kan cabsan tahuu barruu Dhaabaa Wayyeessaa“Godaannisaa”kana keessatti agarsiifameera.
Kana malees, maqaa ganamaa dhalootaaf akka lufu gochuu keessaatti sochiin namfakkiilee du
bartootaa baay‟ee xiqqaa kan ta‟eefi afaaniifi aadaa ofii baqatanii kan ormaa jala of galchuutu
mul‟ifameera. Bocama namfakkiilee dubartootaa ilaalchisee kan waliif birmatan ta‟anillee
asoosama eerame keessatti rakkinaafi gidiraadhaan kan jiraatan yoo ta‟u, gama biroo,miidhaalee
namfakkiilee ilaalchisee, gama miidhaa xiinsammuu, qaamaa akkasumas, miidhaa diinagdeen
akka irra gahe kan ibsamedha. Gama qorataan yaaxxinaa qabatee qorannoo gaggeesse
yaadiddama dubartummaa jedhu jalatti kan qorannoo isaa
gaggeessedha.
Kanaafuu,
argannoowwan eeraman kana irratti hundaa‟uun hayyoonni Oromoo bifa adda addaatiin
dhimmoota kana fakkaatuun asoosama kanas ta‟ee, kan biroo irratti qorannoo bal‟aa gaggeessuun
bifa barruun maxxanfamu ykn sabquunnamtii garaa garaatti fayyadamuun hawaasni bal‟aa
dhiyootti argachuun akka irraa baratuuf namni hunduu gahee isaa osoo bahe gaarii ta‟a.