Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Namfakkiilee Dubartootaa Asoosama ‘Godaannisaa’ Maxxansa 2ffaa

Show simple item record

dc.contributor.author Farradaa Kabaa Dureessaa
dc.contributor.author Taayyee Guddataa
dc.contributor.author Taaddesee Hirphaa
dc.date.accessioned 2025-06-17T08:23:59Z
dc.date.available 2025-06-17T08:23:59Z
dc.date.issued 2024-05-06
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/9608
dc.description.abstract Qorannoon kun mata duree xiinxala namfakkiilee dubartootaa asoosama “Godaannisaa” maxxansa 2ffaa irratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoon guddaan qorannoo kanaa namfakkiileen dubartootaa asoosama eerame keessatti gaheewwan jiruufi jireenya hawaasaa keessatti isaan qaban maal akka fakkaatu gad fageenyaan xiinxaluudha .Qorannichaaf ka‟umsa kan ta‟e qeeqa gama ogbarruu Oromoon dhimmoota namfakkiilee dubartootaa ilaalchise baay‟inaan mul‟achuu dhabuufi hojiileen asoosamoota Oromoo irratti hojjetaman muraasa ta‟uu isaati. Gosti qorannoo qorataan gargaarame qorannoo akkamtaa yookiin qulqulleeffataadha. Kanas odeeffannoo mala sakata‟iinsa kitaabaatiin harshammee (barruun) kan funaannamedha. Haaluma kanaan asoosamoota Oromoo jiran keessaa “Godaannisaa”maxxansa 2ffaa filachuun, gaaffiiwwan gahee namfakkiileen dubartootaa gama hawaasummaan, diinagdee,siyaasa,aadaafi seenaatiin akkasuma s,gama xiinsammuutiin qabantu xiinxalame. Akkasumas, haala bocama namfakkiilee dubartootaa itti bu‟uureffaman, akkaataa isaan hariiroo koorniyaa namfakkiilee dubartootaa irra gahan; miidhaa waliin aangeffamaniifi miidhalee gama xiinsammuu, qaamaafi diinagdeen jiran keessatti asoosama eerame keessatti xiinxaluun ibseera. Bu‟uuruma kanaan, xiinxalichi qabxiil ee tarreeffaman kana jalatti hafeewwan adda addaa asoosamicha keessaa kan fudhatamedha. Kanaafuu, bu‟aa qorannichaa gaheewwan namfakkiilee dubartootaa ilaalchisee gama hawaasu mmaan,asoosama„Godaannisaa‟ maxxansa 2ffaa keessatti dubartoonni rakkoo isaan quunnamuuf yeroo kunuunsa waliif taasisaniifi furmaata walii kennantu seeneffameera. Gama diinagdeetiin du bartoonni qabeenyaan kan of danda‟aniifi hirkatoo ta‟uun dhiyaataniiru. Gama siyaasa an ilaalchisee, olaantummaa dhiibbaa siyaasaa bara sanaa jalaa miliquuf jecha akka maqaa isaanii ganamaa jijjiiranii of dhoksanii jiraatan mul‟isa. Gama aadaafi seenaa keessattis hanga ta‟e aadaa duudhaa sirna qopheessuun agarsiisuu yaalanis seenaa dabarsuufi safuu hawaa sichaa cabsuu aadaafi duudhaa ofii dhoksanii kan ormaa jala figuuti barruu kana keessaatti agars iifameera. Aadde Duree osoo fira ofiifi kan abbaa manaa ofii hin mariisisiin akka aadaatti nam niishee fuudhuu danda‟u (jifuun) osoo jiruu alagaa waliin baduu, Aadde Koonnisee abbaa manaa osoo qabduu alagticha maqaa amantiidhaan qabatee adeemu faana sagaagaluu mul‟ifa meera. Kanaafuu, dubartoonni aadaa hawaasichaa eeguu keessatti hanqina kan qabaniifi safuu kan cabsan tahuu barruu Dhaabaa Wayyeessaa“Godaannisaa”kana keessatti agarsiifameera. Kana malees, maqaa ganamaa dhalootaaf akka lufu gochuu keessaatti sochiin namfakkiilee du bartootaa baay‟ee xiqqaa kan ta‟eefi afaaniifi aadaa ofii baqatanii kan ormaa jala of galchuutu mul‟ifameera. Bocama namfakkiilee dubartootaa ilaalchisee kan waliif birmatan ta‟anillee asoosama eerame keessatti rakkinaafi gidiraadhaan kan jiraatan yoo ta‟u, gama biroo,miidhaalee namfakkiilee ilaalchisee, gama miidhaa xiinsammuu, qaamaa akkasumas, miidhaa diinagdeen akka irra gahe kan ibsamedha. Gama qorataan yaaxxinaa qabatee qorannoo gaggeesse yaadiddama dubartummaa jedhu jalatti kan qorannoo isaa gaggeessedha. Kanaafuu, argannoowwan eeraman kana irratti hundaa‟uun hayyoonni Oromoo bifa adda addaatiin dhimmoota kana fakkaatuun asoosama kanas ta‟ee, kan biroo irratti qorannoo bal‟aa gaggeessuun bifa barruun maxxanfamu ykn sabquunnamtii garaa garaatti fayyadamuun hawaasni bal‟aa dhiyootti argachuun akka irraa baratuuf namni hunduu gahee isaa osoo bahe gaarii ta‟a. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala Namfakkiilee Dubartootaa Asoosama ‘Godaannisaa’ Maxxansa 2ffaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account