Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa: Sirrummaa qabiyyee qormaataa xumura seemisteeraa,
xiyyeeffannoo barnootaa Afaan Oromoo kutaa 9ffaa -12ffaa bara 2014 mana barnootaa
Gaattiraa sad. 2ffaatti qophaa’e qaaccessuudha. Qorannichaaf wanti ka’uumsa ta’e qorattuun
yeroo mana barumsaa Gaattiraa sadarkaa 2ffaa barsiisaa turtetti Sirrummaa qabiyyee
qormaata barnoota Afaan Oromoo kan xumura semisteeraa irratti komee barsiisonni Afaan
Oromoo kutaa 9-12ffaa barsiisan gama sirrummaa qabiyyee qormaataa haala kitaaba
barattootaa keessatti baratamaniin dhufuu dhabuun irratti qaban bu’uura godhachuun kan
gaggeeffamedha. Qorattuun hanqinoota sirrummaa qabiyyee qormaata xumura seemisteeraa
kan barnoota afaan Oromoo kutaa 9-12 kessatti mul’atan addaan baastee yaada furmaataa
kennuuf immoo gosa qorannoo keessaa qorannoo hammamtaa, madda ragaa tokkoffaa
sakatta’iinsa dokumantiitti dhimma baatee jirti. Akkasumas meeshaaleen, qormaanni barnoota
afaan Oromoo bara 2014 qopha’aan, silabasii, kitaaba barattooaafi qajeelcha barsiisotaa
barnoota Afaan Oromoo kutaa 9-12ffaa akka iddattootti, mala iddateessuu kaayyeffamaatiin
filatamanii jiru. Meeshaan odeeffannoon ittiin funaaname sakatta’iinsa qormoota xumura
semisteeraaf qophaa’e kan bara 2014, sakatta’uun bifa gabateen ragaan sassaabamee
qaacceffameera. Dabalataanis meeshaalee sadan: silabasii, kitaaba barattootaafii qajeelcha
barsiisotaa yoo ta’u Odeeffannoon sakatta’iinsa meeshaalee kanaafi gabateen ragaan
sassaabamee, mala hammamtaan qaacceeffamanii jiru. Akka ragaaleen qaacceeffaman
mul’isanitti walsimannaan sirrummaa qabiyyee qormaataa kan xumura seemisteeraf
qophaa’aniifi kaayyoon meeshaalee barnootaa, Afaan Oromoo kanneen irratti ciminniifi
hanqinni jiraachuun hubatameera. Hata’u malee, qorannoon irra caalaatti hanqinarratti
xiyyeeffannoo gochuun kan gaggeeffame. Sababanis hanqinoonni mul’atan fooyyessuu akka
danda’amuuf yaada furmaataa eeruufi. Waan kana ta’eef akka argannoo qorannoo kanaatiin
meeshaalee barnootaa kanneen keessatti haqinni walsimannaa sirrummaa qabiyyee qormaataa
xumura semisteeraaf qophaaniifi kaayyoon barnootichaa dandeetiwwan barnootaa gurguddoo
afran jalatti mul’ateera. Kunis hanqina dandeettiwwan afaanii jiran haala kaayyoo
barnootichaan qoruu dhabuufi qormaata xumura seemisteeraaf qophaa’an kunneen
dandeettiwwan afaanii gurguddoo jiran keessaa dandeettii barreessuu qofa madaaluuf kan
qophaa’e ta’uun isaa hubatameera. Walumaagalatti argannoo qorannoo kanaarraa ka’uun
barsiistonni qorumsa daree qopheessan kaayyoo silabasii barnootichi of keessatti hammachuu
danda’uun ofeeggannoo guddaa taasisuun gaaffilee qorumsaa qopheessan kana waliin
walsimsiisuun qopheessuu otoo danda’anii rakkinichi salphachuu danda’a, dabalataanis
gaaffileen qormaataaf qophaa’an osoo barattootni hin qoramin qaama adda addaan
madaalamee sana booda osoo hojiirra oolee jechuun yaadni furmaataa kaa’amee jira.