Jimma University Open access Institutional Repository

Qaaccessa Sirrummaa Qabiyyee Qormaata Barnoota Afaan Oromoo Xumura Seemisteeraa, Barsiisonni Qopheessan: Mana Barumsaa Gaattiraa Sadarkaa 2ffaa Kutaa 9ffaa-12ffaa

Show simple item record

dc.contributor.author Fatihaa Abdannuur
dc.contributor.author Tashoomaa Balaayinaa
dc.contributor.author Cimdii Waaqumaa
dc.date.accessioned 2025-06-17T08:28:57Z
dc.date.available 2025-06-17T08:28:57Z
dc.date.issued 2024-05-06
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/9609
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa: Sirrummaa qabiyyee qormaataa xumura seemisteeraa, xiyyeeffannoo barnootaa Afaan Oromoo kutaa 9ffaa -12ffaa bara 2014 mana barnootaa Gaattiraa sad. 2ffaatti qophaa’e qaaccessuudha. Qorannichaaf wanti ka’uumsa ta’e qorattuun yeroo mana barumsaa Gaattiraa sadarkaa 2ffaa barsiisaa turtetti Sirrummaa qabiyyee qormaata barnoota Afaan Oromoo kan xumura semisteeraa irratti komee barsiisonni Afaan Oromoo kutaa 9-12ffaa barsiisan gama sirrummaa qabiyyee qormaataa haala kitaaba barattootaa keessatti baratamaniin dhufuu dhabuun irratti qaban bu’uura godhachuun kan gaggeeffamedha. Qorattuun hanqinoota sirrummaa qabiyyee qormaata xumura seemisteeraa kan barnoota afaan Oromoo kutaa 9-12 kessatti mul’atan addaan baastee yaada furmaataa kennuuf immoo gosa qorannoo keessaa qorannoo hammamtaa, madda ragaa tokkoffaa sakatta’iinsa dokumantiitti dhimma baatee jirti. Akkasumas meeshaaleen, qormaanni barnoota afaan Oromoo bara 2014 qopha’aan, silabasii, kitaaba barattooaafi qajeelcha barsiisotaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 9-12ffaa akka iddattootti, mala iddateessuu kaayyeffamaatiin filatamanii jiru. Meeshaan odeeffannoon ittiin funaaname sakatta’iinsa qormoota xumura semisteeraaf qophaa’e kan bara 2014, sakatta’uun bifa gabateen ragaan sassaabamee qaacceffameera. Dabalataanis meeshaalee sadan: silabasii, kitaaba barattootaafii qajeelcha barsiisotaa yoo ta’u Odeeffannoon sakatta’iinsa meeshaalee kanaafi gabateen ragaan sassaabamee, mala hammamtaan qaacceeffamanii jiru. Akka ragaaleen qaacceeffaman mul’isanitti walsimannaan sirrummaa qabiyyee qormaataa kan xumura seemisteeraf qophaa’aniifi kaayyoon meeshaalee barnootaa, Afaan Oromoo kanneen irratti ciminniifi hanqinni jiraachuun hubatameera. Hata’u malee, qorannoon irra caalaatti hanqinarratti xiyyeeffannoo gochuun kan gaggeeffame. Sababanis hanqinoonni mul’atan fooyyessuu akka danda’amuuf yaada furmaataa eeruufi. Waan kana ta’eef akka argannoo qorannoo kanaatiin meeshaalee barnootaa kanneen keessatti haqinni walsimannaa sirrummaa qabiyyee qormaataa xumura semisteeraaf qophaaniifi kaayyoon barnootichaa dandeetiwwan barnootaa gurguddoo afran jalatti mul’ateera. Kunis hanqina dandeettiwwan afaanii jiran haala kaayyoo barnootichaan qoruu dhabuufi qormaata xumura seemisteeraaf qophaa’an kunneen dandeettiwwan afaanii gurguddoo jiran keessaa dandeettii barreessuu qofa madaaluuf kan qophaa’e ta’uun isaa hubatameera. Walumaagalatti argannoo qorannoo kanaarraa ka’uun barsiistonni qorumsa daree qopheessan kaayyoo silabasii barnootichi of keessatti hammachuu danda’uun ofeeggannoo guddaa taasisuun gaaffilee qorumsaa qopheessan kana waliin walsimsiisuun qopheessuu otoo danda’anii rakkinichi salphachuu danda’a, dabalataanis gaaffileen qormaataaf qophaa’an osoo barattootni hin qoramin qaama adda addaan madaalamee sana booda osoo hojiirra oolee jechuun yaadni furmaataa kaa’amee jira. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Qaaccessa Sirrummaa Qabiyyee Qormaata Barnoota Afaan Oromoo Xumura Seemisteeraa, Barsiisonni Qopheessan: Mana Barumsaa Gaattiraa Sadarkaa 2ffaa Kutaa 9ffaa-12ffaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account