Abstract:
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas, qaaccessa dhaamsa oduu durii Oromoo Godina Shawaa Lixaa keessa
jiru qorachuudha. Barbaachisummaan qorannoo kanaa, falaasama Oromoo kan ta’e oduu durii hawaasni
qabu kana walitti qabuun dhaamsa isaa qaaccessuun bifa dokmentiitiin kaa’uudhaan dhaloonni akka irraa
baratu gochuufidha.Daanngaan qorannichaa,Godina ShawaaLixaa Aanaalee sadan keessaa gandoota sagal
irrattiidha. Yaaxinni qorannoo kanaas, faayidaalessummaadha. Mala qorannoo akkamtaa saxaxa
ibsaati.sababbiin isaas, ragaa waltti qabame irra deddeebiin dubbisuun, xinxaluufi hiika isaas
qulqulleeffachuun jechaan kan ibsameedha. Malli iddateessuu immoo iddateessu mit carraa yoo ta’u, gosa
iddateessuu kanneen keessaa iddateessuu kaayyeffataafi eeruutiin. Ragaan kun kan irraa walitti qabame
maanguddoota, ogeessota waajjira aadaafi tuurizimii aanaa Ejersa Lafoofi Dandii, barsiisootaafi barattoota
mana barumsa Olmaa Addaa sadarkaa tokoffaa Olankomiiti. Akkasumas, dokimentii qindaa’ee taa’e irraas
odeeffannoon walitti qabameera. Meeshaaleen odeeffannoo dhimma bahame; afgaaffii, marii garee
xiyyeeffannoofi sakatta’a dokmentiiti. Oduuwwan durii waaraabbinis ta’ee yaadannoon funaanaman 26
keessaa akka dhaamsa isaan qabanitti keessaa filachuun qooduun dhaamsa isaanitiin kan qaacceffaman oduu
durii 20 kan ta’aniidha. Ragaan walitti qabames, waraabbiifi yaadannoo irratti qabachuun irra deddeebin
dhaggeeffachuun yaadni isaa osoo gargar hin citin qindaa’ee barraa’un ergaan isaa ba’eera. Qaaccessa
ragaalee taasiifameen argannoowwan gara garaa argamaniiru. Oduun durii kan hawaasni Oromoo meeshaa
godhatee aadaa, seenaa, duudhaa, safuufi barsiifata adda addaa ittiin wal barsiisuufi dhaloota kallattii
barbaachisaa ta’etti qeequudhaan, gorsuufi sodaachisuudhaan karaatti akka isaan deebi’an taasisuudha.
Akkasumas, tokkummaa, hawaasummaa, haala dinagdeefi siyaasa, gamnummaa, gootummaa, jaalala, waliif
obsuu, waldanda’uufi wal deeggaruu dhaloota gorsaa dhufuun isaa bira ga’ameera. Kanamalees,
goowuummaan, waljibbuun gaarummaa akka hinqabne dhaloota gorsaa dhufe. Furmaanni jiru, Ogummaa
uummanni kun osoo hin baratin sammuu isaatiin kalaqee asiin gahe kana dhaloota ammaa harkatti akka hin
kufneef, guddiffachuu, muuxannoowwan aadaa, seenaa, amantaa, falaasama hawaasichaa ibsan kana
kunuunsani dhaloota dhufuuf olkaa’uun gahee dhaloota ammaati.