Jimma University Open access Institutional Repository

Qaaccessa Dhaamsa Oduu Durii Oromoo Godina Shawaa Lixaa Keessatti

Show simple item record

dc.contributor.author Alamnash Lataa
dc.contributor.author Taayyee Guddataa
dc.contributor.author Salamaawit Tasfaayee
dc.date.accessioned 2025-06-20T13:06:18Z
dc.date.available 2025-06-20T13:06:18Z
dc.date.issued 2024-06-07
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/9649
dc.description.abstract Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas, qaaccessa dhaamsa oduu durii Oromoo Godina Shawaa Lixaa keessa jiru qorachuudha. Barbaachisummaan qorannoo kanaa, falaasama Oromoo kan ta’e oduu durii hawaasni qabu kana walitti qabuun dhaamsa isaa qaaccessuun bifa dokmentiitiin kaa’uudhaan dhaloonni akka irraa baratu gochuufidha.Daanngaan qorannichaa,Godina ShawaaLixaa Aanaalee sadan keessaa gandoota sagal irrattiidha. Yaaxinni qorannoo kanaas, faayidaalessummaadha. Mala qorannoo akkamtaa saxaxa ibsaati.sababbiin isaas, ragaa waltti qabame irra deddeebiin dubbisuun, xinxaluufi hiika isaas qulqulleeffachuun jechaan kan ibsameedha. Malli iddateessuu immoo iddateessu mit carraa yoo ta’u, gosa iddateessuu kanneen keessaa iddateessuu kaayyeffataafi eeruutiin. Ragaan kun kan irraa walitti qabame maanguddoota, ogeessota waajjira aadaafi tuurizimii aanaa Ejersa Lafoofi Dandii, barsiisootaafi barattoota mana barumsa Olmaa Addaa sadarkaa tokoffaa Olankomiiti. Akkasumas, dokimentii qindaa’ee taa’e irraas odeeffannoon walitti qabameera. Meeshaaleen odeeffannoo dhimma bahame; afgaaffii, marii garee xiyyeeffannoofi sakatta’a dokmentiiti. Oduuwwan durii waaraabbinis ta’ee yaadannoon funaanaman 26 keessaa akka dhaamsa isaan qabanitti keessaa filachuun qooduun dhaamsa isaanitiin kan qaacceffaman oduu durii 20 kan ta’aniidha. Ragaan walitti qabames, waraabbiifi yaadannoo irratti qabachuun irra deddeebin dhaggeeffachuun yaadni isaa osoo gargar hin citin qindaa’ee barraa’un ergaan isaa ba’eera. Qaaccessa ragaalee taasiifameen argannoowwan gara garaa argamaniiru. Oduun durii kan hawaasni Oromoo meeshaa godhatee aadaa, seenaa, duudhaa, safuufi barsiifata adda addaa ittiin wal barsiisuufi dhaloota kallattii barbaachisaa ta’etti qeequudhaan, gorsuufi sodaachisuudhaan karaatti akka isaan deebi’an taasisuudha. Akkasumas, tokkummaa, hawaasummaa, haala dinagdeefi siyaasa, gamnummaa, gootummaa, jaalala, waliif obsuu, waldanda’uufi wal deeggaruu dhaloota gorsaa dhufuun isaa bira ga’ameera. Kanamalees, goowuummaan, waljibbuun gaarummaa akka hinqabne dhaloota gorsaa dhufe. Furmaanni jiru, Ogummaa uummanni kun osoo hin baratin sammuu isaatiin kalaqee asiin gahe kana dhaloota ammaa harkatti akka hin kufneef, guddiffachuu, muuxannoowwan aadaa, seenaa, amantaa, falaasama hawaasichaa ibsan kana kunuunsani dhaloota dhufuuf olkaa’uun gahee dhaloota ammaati. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title Qaaccessa Dhaamsa Oduu Durii Oromoo Godina Shawaa Lixaa Keessatti en_US
dc.type Other en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account