Abstract:
Qorannoon kun sakatta’a mala qindaa’inaan dandeettiwwan afaanii barsiisuu manneen
barnootaa mootummaa magaalaa Jimmaa Saxoo Samroofi Gadaa sadarkaa 2ffaa keessatti kan
gaggeeffamedha. Kaayyoon qorannoo kanaa sakatta’a dandeettiiwwa afaanii mala
qindaa’inaan barsiisuu kutaa 9ffaafi 10ffaadha.Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaa
(qulqulleeffataadha) dhaan kan gaggeeffamedha. Gosti qorannoo kanaa sababa filatameef
mala odeeffannoon walitti qabamu irratti hundaa’etu. Kunis odeeffannoon kan walitti qabamu
jechaan waan ta’eef odeeffannoon argamee kanas jechumaan ibsa bal’aan dhiyyeessuf
yaadameetu. Iddattoo qorannoo kanaas manneen barnootaa mootummaa magaalaa Jimmaa
sadarkaa 2ffaa lama keessatti barsiisota Afaan Oromoo kutaa 9ffaafi kutaa 10ffaa barsiisaan
hunda waan ta’aniif mala kaayyeeffataan lamman isaanii filachuun iddattoo qorannoo
ta’aniiru meeshaaleen ragaa walitti qabuuf fayyadamtes daawwannaa daree gaggeessuun
afgaaffi barsiisota Afaan Oromoo kutaa 9ffaafi 10ffaa barsiisaan dhiyeessuun mala akkamtaan
qaacceessamaniiru argannoon qorannoo kanaas barsiisonni Afaan Oromoo mala qindaa’aan
danddeetti afaanii yemmuu barsiisaan tarsiimoo qindaa’an haala barbadaameen hojii irra
akka oolaa hinjire hubatameera.Dabalataniis barsiisotni mala qindaa’aan barsiisuu irratti
hanqinni akka jiru hubatameera. Sababni isaa inni guddaan barsiisanni mala qindaa’inaan
barsiisuurratti hubannoo dhabuufi wayitiin barnootaa barnoota Afaan Oromootiif
ramadameefi qabiyyeen kitaaba barataa keessatti eerame kan wal hinsimne ta’uu hubatteetti.
Rakkaa tarsiimoo qindaa’inaan dandeetti afaanii barsiisuu mana barumsaa kana keessatti
mudate furuuf barsiisotaaf leenjiin hubannoo ciimsuu mala qindaa’aan barsiisuu irratti qaama
dhimmi isaa ilaaluun osoo kenamee barbaachisadha. Akkasumas ogeeyyiin sirna barnootaa
kitaaba barnootaa qopheessan wayitii ramadameef qabiyee barnootaa walsimsiisuun
qopheessu qabu jechuun yaada furmaataa keessetti.