dc.contributor.author | Aiimaa Abbaa Fiixaatiin | |
dc.contributor.author | Alamaayyoo Faqqadaa | |
dc.contributor.author | Namarraa Kabbadaa | |
dc.date.accessioned | 2025-06-25T06:50:43Z | |
dc.date.available | 2025-06-25T06:50:43Z | |
dc.date.issued | 2023-11-06 | |
dc.identifier.uri | https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/9683 | |
dc.description.abstract | Qorannoon kun sakatta’a mala qindaa’inaan dandeettiwwan afaanii barsiisuu manneen barnootaa mootummaa magaalaa Jimmaa Saxoo Samroofi Gadaa sadarkaa 2ffaa keessatti kan gaggeeffamedha. Kaayyoon qorannoo kanaa sakatta’a dandeettiiwwa afaanii mala qindaa’inaan barsiisuu kutaa 9ffaafi 10ffaadha.Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaa (qulqulleeffataadha) dhaan kan gaggeeffamedha. Gosti qorannoo kanaa sababa filatameef mala odeeffannoon walitti qabamu irratti hundaa’etu. Kunis odeeffannoon kan walitti qabamu jechaan waan ta’eef odeeffannoon argamee kanas jechumaan ibsa bal’aan dhiyyeessuf yaadameetu. Iddattoo qorannoo kanaas manneen barnootaa mootummaa magaalaa Jimmaa sadarkaa 2ffaa lama keessatti barsiisota Afaan Oromoo kutaa 9ffaafi kutaa 10ffaa barsiisaan hunda waan ta’aniif mala kaayyeeffataan lamman isaanii filachuun iddattoo qorannoo ta’aniiru meeshaaleen ragaa walitti qabuuf fayyadamtes daawwannaa daree gaggeessuun afgaaffi barsiisota Afaan Oromoo kutaa 9ffaafi 10ffaa barsiisaan dhiyeessuun mala akkamtaan qaacceessamaniiru argannoon qorannoo kanaas barsiisonni Afaan Oromoo mala qindaa’aan danddeetti afaanii yemmuu barsiisaan tarsiimoo qindaa’an haala barbadaameen hojii irra akka oolaa hinjire hubatameera.Dabalataniis barsiisotni mala qindaa’aan barsiisuu irratti hanqinni akka jiru hubatameera. Sababni isaa inni guddaan barsiisanni mala qindaa’inaan barsiisuurratti hubannoo dhabuufi wayitiin barnootaa barnoota Afaan Oromootiif ramadameefi qabiyyeen kitaaba barataa keessatti eerame kan wal hinsimne ta’uu hubatteetti. Rakkaa tarsiimoo qindaa’inaan dandeetti afaanii barsiisuu mana barumsaa kana keessatti mudate furuuf barsiisotaaf leenjiin hubannoo ciimsuu mala qindaa’aan barsiisuu irratti qaama dhimmi isaa ilaaluun osoo kenamee barbaachisadha. Akkasumas ogeeyyiin sirna barnootaa kitaaba barnootaa qopheessan wayitii ramadameef qabiyee barnootaa walsimsiisuun qopheessu qabu jechuun yaada furmaataa keessetti. | en_US |
dc.language.iso | other | en_US |
dc.title | Sakatta’a Dandeettiiwwan Afaan Oromoo Mala Qindaa’inaan Barsiiuu Manneen Barnootaa Saxoo Samaroo Fi Gadaa Sadarkaa 2ffaa , Kutaa 9ffaa Fi 10ffaa | en_US |
dc.type | Thesis | en_US |