Abstract:
Kaayyoo gooroo qorannoo kanaa asoosama Dheeraa Ededa bu’uura yaadxina bifiyyeen
xiinxaluudha. Xiinxalli kun, akkaata itti yaadxina bifiyyeen asoosama xiinxalaan irratti
ogummaa kan cimsuufi hubannoo namootaaf kan dabaluudha. Kan qorannichaaf ka’umsa
ta’e ogbarruu barreeffama keessa walaloo waliin yeroo wal bira qabamee ilaalamu, xiinxalli
yaadxina kanaan asoosama irratti heddumminaan mul’achuu dhabuu akkasumaas,
qorannoowwan kan biro irratti hundaa’uun kanneen mata duree kanaan walitti dhiyeenya
qaban waan isaan hin xuqiin darbaan hubachiisuufi fedhii qorataan gama kana irratti
qabuudha. Barbaachisumaan qorannoo kanaa akkaata itti yaadxina bifiyyeen asoosama
xiinxalaan irratti ogummaa cimsuufi hubannoo namootaaf dabaluudha. Malleen qorannoo
keessa mala qorannoo akkamtaatti dhimma kan ba’e ta’ee, gosa iddatteessuu mit-carraa
keessaa kaayyeffataa kan fayyadameedha. Tooftaan ragaaleen ittiin walitti qabaman xiinxala
yookaan dookimeentii sakatta’uudha. Ragaaleen walitti qabaman akkaata gaaffilee bu’uura
qorannoo deebisuu danda’aaniifi kaayyoolee gooree milkeessuu danda’aaniin keeyyata
keeyyataan kan ibsamaan ta’e, yaadxina bifiyyee giddugaleessa taasifachuun
xiinxalamaniiru. Sadarkaan ijaarsa jaargochaa miidhagina qabaachuu isaaf sabaabni bu’a
ba’ii namfakkiiwwan keessa darban ta’uu, haala kanaan dhiyaachuun isaa hawwattummaa
asoosamichaa daraan akka dabale kan hubachiise Kana malees, yoomeessi asoosama
filatamee Naannoo Beeneshaangul Gumuuz irraa ka’ee hanga Naannoo Oromiyaatti
babal’achu, hawaasummaan yeroo seena saba sanaa ibsu jechoota al kallattiitti akka
gargaarame, iji seeneffama asoosamichaa ramaddii sadaffaa hunda beekaa murta’aa akka
ta’eefi akkaata kanaan dhiyeessuun isaa ammo ergaaan asoosamichaa miidhaginaa akka
darbuuf gumaacha akka godhe kan hubachiise Karaa biraatiin, malleen dubbii kanneen akka
akkasaa, iddasaa, nameessaa, arbeessaa, mitiheefi fakkoommiin asoosamicha keessatti
calaqqisuufi calaqqisuun warreen kanaa ammo asoosamichaaf; qabatamummaa,
miidhaginaafi dhageetti akka kenneef kan hubachiise ta’uu mirkana’eera. Kanaafuu,
ogeeyyiin dirree qorannoo kana irra jiran asoosama kana irratti yaadxina dhugummaan,
asoosamoota biroo Afaan Oromoon barreffamaan irratti yaadxina bifiyyeen osoo qorannoo
geggessanii gaarii ta’aan yaada qoratichaati.