Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Asoosama Dheeraa Ededa: Ija Yaadxina Bifiyyeetiin

Show simple item record

dc.contributor.author Baaruu Tasfaayee Fufaa
dc.contributor.author Iristee Akkawaaq
dc.contributor.author Abdusalaam A/ Olii
dc.date.accessioned 2025-07-17T07:30:08Z
dc.date.available 2025-07-17T07:30:08Z
dc.date.issued 2023-03-18
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/9765
dc.description.abstract Kaayyoo gooroo qorannoo kanaa asoosama Dheeraa Ededa bu’uura yaadxina bifiyyeen xiinxaluudha. Xiinxalli kun, akkaata itti yaadxina bifiyyeen asoosama xiinxalaan irratti ogummaa kan cimsuufi hubannoo namootaaf kan dabaluudha. Kan qorannichaaf ka’umsa ta’e ogbarruu barreeffama keessa walaloo waliin yeroo wal bira qabamee ilaalamu, xiinxalli yaadxina kanaan asoosama irratti heddumminaan mul’achuu dhabuu akkasumaas, qorannoowwan kan biro irratti hundaa’uun kanneen mata duree kanaan walitti dhiyeenya qaban waan isaan hin xuqiin darbaan hubachiisuufi fedhii qorataan gama kana irratti qabuudha. Barbaachisumaan qorannoo kanaa akkaata itti yaadxina bifiyyeen asoosama xiinxalaan irratti ogummaa cimsuufi hubannoo namootaaf dabaluudha. Malleen qorannoo keessa mala qorannoo akkamtaatti dhimma kan ba’e ta’ee, gosa iddatteessuu mit-carraa keessaa kaayyeffataa kan fayyadameedha. Tooftaan ragaaleen ittiin walitti qabaman xiinxala yookaan dookimeentii sakatta’uudha. Ragaaleen walitti qabaman akkaata gaaffilee bu’uura qorannoo deebisuu danda’aaniifi kaayyoolee gooree milkeessuu danda’aaniin keeyyata keeyyataan kan ibsamaan ta’e, yaadxina bifiyyee giddugaleessa taasifachuun xiinxalamaniiru. Sadarkaan ijaarsa jaargochaa miidhagina qabaachuu isaaf sabaabni bu’a ba’ii namfakkiiwwan keessa darban ta’uu, haala kanaan dhiyaachuun isaa hawwattummaa asoosamichaa daraan akka dabale kan hubachiise Kana malees, yoomeessi asoosama filatamee Naannoo Beeneshaangul Gumuuz irraa ka’ee hanga Naannoo Oromiyaatti babal’achu, hawaasummaan yeroo seena saba sanaa ibsu jechoota al kallattiitti akka gargaarame, iji seeneffama asoosamichaa ramaddii sadaffaa hunda beekaa murta’aa akka ta’eefi akkaata kanaan dhiyeessuun isaa ammo ergaaan asoosamichaa miidhaginaa akka darbuuf gumaacha akka godhe kan hubachiise Karaa biraatiin, malleen dubbii kanneen akka akkasaa, iddasaa, nameessaa, arbeessaa, mitiheefi fakkoommiin asoosamicha keessatti calaqqisuufi calaqqisuun warreen kanaa ammo asoosamichaaf; qabatamummaa, miidhaginaafi dhageetti akka kenneef kan hubachiise ta’uu mirkana’eera. Kanaafuu, ogeeyyiin dirree qorannoo kana irra jiran asoosama kana irratti yaadxina dhugummaan, asoosamoota biroo Afaan Oromoon barreffamaan irratti yaadxina bifiyyeen osoo qorannoo geggessanii gaarii ta’aan yaada qoratichaati. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala Asoosama Dheeraa Ededa: Ija Yaadxina Bifiyyeetiin en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account