Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan Xiinxala hojiirra oolmaa adeemsa baruufi barsiisuu
barataa giddu-galeessa godhate kan Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Atinaagoo kutaa10ffaa
xiinxaluudha. Adeemsa hojiirraa oolmaa baruu-barsiisuu barataa giddugaleeffate xiinxaluuf
qorataan ragaa barbaachisu funaannatee jira.Qorannoo kana geggeessuuf qorataan saxaxa ibsaa
fayyadameera.Saxaxa ibsaa keessaa immoo ibsa akkamtaafi hammamtaa yeroo ta’u, sababni
akkamtaafi hammamtaa fayyadamuufimmoo qorannoo kana caalaatti qabatamaa taasisuuf
adeemsa makoo fayyadmun Kan hojirra ooledha. Malli qorannoo kanaf ragaan ittiin funaanaman
afgaaffii, bargaaffii, daawwannaa dareefi marii gareetti.
Qorannoo kana keessatti madda raga ta’anii kan ragaan irraa funaaname maddi ragaa barsiisota
Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Atinaagoo Afaan Oromoo barsiisaniifi barattoota kutaa 10ffaa A
Ftti jiran dhi=210 dha=320 ida’ama =530 daree ‘D’ fi ‘F’ baratan keessaa adeemsa
iddaatteessuu carraatiin kan filataman yeroo ta’u,akkasums qabxiilee barattoota galma’ee jiru,
dookimantoota adda addaa haala isaan ittin qabxii daree galmeessanifi barruulee wa’ee adeemsa
barataa giddu-galeeffaten walqabatanidha.Iddattoowwan dhimmi qorannoon irratti geggeeffamu
waliin walitti dhufeenya cimaa qaban barsiisota sadiif af-gaaffii, barattoota 92(30 suutoo,40
giddugaleessafi 22 qaxalee) irraa ammoo ragaan bar-gaaffii irraa sassabame dhiibeentaafi ibsa
jechaatin ibsamaniru. Argannoon argames barsiisonni mana barumsa Atinaagoo hojirra oolmaa
adeemsa barataa giddugaleessa godhate irratti, waan irraa eegamu hin hojjenne. Kana jechuun,
barattoota isaaniif mataduree barnootichaa haa beeksisaniyyuu malee, kaayyoo barnootichaa
hinibsine.
Akkasumas, barattootni barnoota dura kaka’umsa akka qabaatan hin goone.Irra caalaa adeemsi
kenna barnootaa, barsiisa giddugaleessa kan godhateedha.Mana barumsichaatti, barsisonni yeroo
hojii garee kennaan, tokkoon tokkoon barattootaaf gahee hinkennan hinhordofanis. Akkasumas,
barattoota hanqina qubee Afaan Oromoo guutanii barreessuu qabaniif gargaarsi kan
hingodhamneefi ta’uusaa barsiisonni mana barumsichaa, meeshaalee deeggarsa barnootaa kan
hinqopheessineefi kan ittihinfayyadamnedha.Kanafuu adeemsa baruu barsiisuu qabatamaa
taasisuuf, meeshaalee barnootaaf barbaachisan guutuun murteessaadha.
Faayidaa adeemsa baruu-barsiisuu hubachuun, manni barumsaa barsiisaan, barataaniifi maatiin
waan irraa eegamu gochuu qabu.Meeshaaleen deeggarsa barnoota, barnoota qabatamaa
taasisuufi qalbii barattootaa xiyyeeffannoo keessaa galchuuf iddoo guddaa waan qabaniif,
barsiisaan meeshaalee deeggarsaa kana qopheessuun itti fayyadamuu qabu.Baruu barsiisuun
haala Kanaan yoo adeemame adeemsi barataa giddu galeefate kan dhugoomu ta’a jedheen
amana.