Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Hojiirra Oolmaa Adeemsa Barataa Giddu Galeessa Godhateen Afaan Oromoo Barsiisuu Haala Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Atinaagoo Kutaa Kurnaffaa

Show simple item record

dc.contributor.author Masgabuu Olumaa
dc.contributor.author Alamaayyoo Faqqadaa
dc.contributor.author Taakkalee Taakkalee Gammachuu
dc.date.accessioned 2025-07-22T07:59:42Z
dc.date.available 2025-07-22T07:59:42Z
dc.date.issued 2023-06-18
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/9789
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan Xiinxala hojiirra oolmaa adeemsa baruufi barsiisuu barataa giddu-galeessa godhate kan Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Atinaagoo kutaa10ffaa xiinxaluudha. Adeemsa hojiirraa oolmaa baruu-barsiisuu barataa giddugaleeffate xiinxaluuf qorataan ragaa barbaachisu funaannatee jira.Qorannoo kana geggeessuuf qorataan saxaxa ibsaa fayyadameera.Saxaxa ibsaa keessaa immoo ibsa akkamtaafi hammamtaa yeroo ta’u, sababni akkamtaafi hammamtaa fayyadamuufimmoo qorannoo kana caalaatti qabatamaa taasisuuf adeemsa makoo fayyadmun Kan hojirra ooledha. Malli qorannoo kanaf ragaan ittiin funaanaman afgaaffii, bargaaffii, daawwannaa dareefi marii gareetti. Qorannoo kana keessatti madda raga ta’anii kan ragaan irraa funaaname maddi ragaa barsiisota Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Atinaagoo Afaan Oromoo barsiisaniifi barattoota kutaa 10ffaa A Ftti jiran dhi=210 dha=320 ida’ama =530 daree ‘D’ fi ‘F’ baratan keessaa adeemsa iddaatteessuu carraatiin kan filataman yeroo ta’u,akkasums qabxiilee barattoota galma’ee jiru, dookimantoota adda addaa haala isaan ittin qabxii daree galmeessanifi barruulee wa’ee adeemsa barataa giddu-galeeffaten walqabatanidha.Iddattoowwan dhimmi qorannoon irratti geggeeffamu waliin walitti dhufeenya cimaa qaban barsiisota sadiif af-gaaffii, barattoota 92(30 suutoo,40 giddugaleessafi 22 qaxalee) irraa ammoo ragaan bar-gaaffii irraa sassabame dhiibeentaafi ibsa jechaatin ibsamaniru. Argannoon argames barsiisonni mana barumsa Atinaagoo hojirra oolmaa adeemsa barataa giddugaleessa godhate irratti, waan irraa eegamu hin hojjenne. Kana jechuun, barattoota isaaniif mataduree barnootichaa haa beeksisaniyyuu malee, kaayyoo barnootichaa hinibsine. Akkasumas, barattootni barnoota dura kaka’umsa akka qabaatan hin goone.Irra caalaa adeemsi kenna barnootaa, barsiisa giddugaleessa kan godhateedha.Mana barumsichaatti, barsisonni yeroo hojii garee kennaan, tokkoon tokkoon barattootaaf gahee hinkennan hinhordofanis. Akkasumas, barattoota hanqina qubee Afaan Oromoo guutanii barreessuu qabaniif gargaarsi kan hingodhamneefi ta’uusaa barsiisonni mana barumsichaa, meeshaalee deeggarsa barnootaa kan hinqopheessineefi kan ittihinfayyadamnedha.Kanafuu adeemsa baruu barsiisuu qabatamaa taasisuuf, meeshaalee barnootaaf barbaachisan guutuun murteessaadha. Faayidaa adeemsa baruu-barsiisuu hubachuun, manni barumsaa barsiisaan, barataaniifi maatiin waan irraa eegamu gochuu qabu.Meeshaaleen deeggarsa barnoota, barnoota qabatamaa taasisuufi qalbii barattootaa xiyyeeffannoo keessaa galchuuf iddoo guddaa waan qabaniif, barsiisaan meeshaalee deeggarsaa kana qopheessuun itti fayyadamuu qabu.Baruu barsiisuun haala Kanaan yoo adeemame adeemsi barataa giddu galeefate kan dhugoomu ta’a jedheen amana. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala Hojiirra Oolmaa Adeemsa Barataa Giddu Galeessa Godhateen Afaan Oromoo Barsiisuu Haala Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Atinaagoo Kutaa Kurnaffaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account