Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa xiinxala ergaa geerarsa daboo godina Jimmaa Aanaa
Sokorruurratti kan xiyyeeffatedha. Ka’umsi qorannichaa qabiyyeefi faayidaan geerarsa daboo
hojii irratti xiyyeeffatan maal maal akka ta’an xiinxalee ibsuuf, geerarsoota hojii akkamiifi
yoomessa kami keessatti akka gaggeeffamu, adda baasuufi dhaloota ammaa ergaawwan
geerarsa daboo kanaa hubachisuun dhalootni haaraa itti fufsiisu yaada jedhutu qorataa kana
kakaase. Malli qorannoo Kun ittiin adeemsifames mala akkamtaati. Gosni qorannoo kanaas
qulqulleeffataa yoo ta’u iddattoon itti dhimma bahames idattoo akkayyoofi iddattoo darbaan
dabarsaati. Maddi odeeffannoo qorannichaas madda odeeffannoo tokkoffaa maanguddootaafi
dargaggoota geerarsa daboo irratti hubannoofi muuxannoo qabu jedhamanii yaadaman aanaa
Sokorruu keessa jiraatanidha.Meeshaalee funaansa ragaa qorataan itti fayyadamees afgaaffii,
marii gareetiifi daawwnnaadha. Yaadxinni qorannoon kun bu’uureeffate yaadxina afaaniifi
foormulaa yaadxina faayideessummaa fayyadamuun ergaa geerarsa daboo xiinxaluuf dhimma
itti bahameera. Ragaaleen mala qorannoo akkamtaa keessaa xiinxala ergaa bu’uureffachuun
argannoowwan armaan gadii qorannoo kanaan adda baheera.Isaanis: Yoomessa geerarsa
daboo: geerarsa daboo yeroo qonnaa, geerarsa daboo yeroo haamaa midhaanii, geerarsa
daboo yeroo ijaarsa manaa, geerarsa daboo yeroo calleessa midhaanii akka ta’e qorannoo
kanaan adda baheera. Qabiyyeewwan geerarsa daboo ibsan: Hubannoo hawaasummaafi
eenyummaa cimsuu, Diinagdee cimsuu, hubannoo siyaasaa cimsuu akka ta’e adda baheera.
Ergawwan geerarsa daboo: cimsuuf, jajuu, gaabbii, barbaachisummaa ibsuu, qeequu,
akeekkachiisuu, onnachiisuu, hawwii ibsuu, inaaffaa agarsiisuu akka ta’e qorannoo kanaan
ibsameera. Faayidaa geerasi daboo: fedhiifi kaka’umsa hojii namatti horuun hojii
oomishaatiif milkaa’ina kenna, hojiif miira namaa kakaasuuf, namoota gidduutti miira waliin
dorgommii uumuun misooma saffisiisuun galii misoomaa kan olguddisu ta’uu ibsameera.
Yaboo:Gamtaan hojjechuu keessatti hawaasichi (manguddoonni) qabiyyee geerarsa daboo
dhiyaatan maalfaa akka ta’e, akkamitti akka dhiyaataniifi maaliif akka barbaachisan
hawaasichi ijoollee (dargaggoota) barsiisuun hubannoo keessatti uumuun qajeelchuu
qabuIlaalchota hordoftoonni amantii garaagaraa geerarsa daboo irratti qaban karaa abbootii
amantiifi gaggeessitoota amantii sirraa’ee akka duudhaa uummatichaatti fudhatamee yoo
kunuunfame gaarii ta’a.Waajjirri aadaafi tuurizimii, barsiisonni Afaan Oromoofi qaamni
dhimma kana ilaalu biroon waliin ta’uun geerarsa daboo sassaabuun bifa dookumemteriifi
barreeffamaan osoo kaa’anii dhaloonni dhufan akka irraa baratan taasisani gaariidha.