Jimma University Open access Institutional Repository

Xiinxala Ergaa Geerarsa Daboo: Haala Godina Jimmaa Aanaa Sokorruu

Show simple item record

dc.contributor.author Nagaasaa Dinqaa Qana‟aa
dc.contributor.author Alamituu Olii
dc.contributor.author Cimdii Waaqumaa
dc.date.accessioned 2025-07-22T09:08:04Z
dc.date.available 2025-07-22T09:08:04Z
dc.date.issued 2022-06-27
dc.identifier.uri https://repository.ju.edu.et//handle/123456789/9798
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa xiinxala ergaa geerarsa daboo godina Jimmaa Aanaa Sokorruurratti kan xiyyeeffatedha. Ka’umsi qorannichaa qabiyyeefi faayidaan geerarsa daboo hojii irratti xiyyeeffatan maal maal akka ta’an xiinxalee ibsuuf, geerarsoota hojii akkamiifi yoomessa kami keessatti akka gaggeeffamu, adda baasuufi dhaloota ammaa ergaawwan geerarsa daboo kanaa hubachisuun dhalootni haaraa itti fufsiisu yaada jedhutu qorataa kana kakaase. Malli qorannoo Kun ittiin adeemsifames mala akkamtaati. Gosni qorannoo kanaas qulqulleeffataa yoo ta’u iddattoon itti dhimma bahames idattoo akkayyoofi iddattoo darbaan dabarsaati. Maddi odeeffannoo qorannichaas madda odeeffannoo tokkoffaa maanguddootaafi dargaggoota geerarsa daboo irratti hubannoofi muuxannoo qabu jedhamanii yaadaman aanaa Sokorruu keessa jiraatanidha.Meeshaalee funaansa ragaa qorataan itti fayyadamees afgaaffii, marii gareetiifi daawwnnaadha. Yaadxinni qorannoon kun bu’uureeffate yaadxina afaaniifi foormulaa yaadxina faayideessummaa fayyadamuun ergaa geerarsa daboo xiinxaluuf dhimma itti bahameera. Ragaaleen mala qorannoo akkamtaa keessaa xiinxala ergaa bu’uureffachuun argannoowwan armaan gadii qorannoo kanaan adda baheera.Isaanis: Yoomessa geerarsa daboo: geerarsa daboo yeroo qonnaa, geerarsa daboo yeroo haamaa midhaanii, geerarsa daboo yeroo ijaarsa manaa, geerarsa daboo yeroo calleessa midhaanii akka ta’e qorannoo kanaan adda baheera. Qabiyyeewwan geerarsa daboo ibsan: Hubannoo hawaasummaafi eenyummaa cimsuu, Diinagdee cimsuu, hubannoo siyaasaa cimsuu akka ta’e adda baheera. Ergawwan geerarsa daboo: cimsuuf, jajuu, gaabbii, barbaachisummaa ibsuu, qeequu, akeekkachiisuu, onnachiisuu, hawwii ibsuu, inaaffaa agarsiisuu akka ta’e qorannoo kanaan ibsameera. Faayidaa geerasi daboo: fedhiifi kaka’umsa hojii namatti horuun hojii oomishaatiif milkaa’ina kenna, hojiif miira namaa kakaasuuf, namoota gidduutti miira waliin dorgommii uumuun misooma saffisiisuun galii misoomaa kan olguddisu ta’uu ibsameera. Yaboo:Gamtaan hojjechuu keessatti hawaasichi (manguddoonni) qabiyyee geerarsa daboo dhiyaatan maalfaa akka ta’e, akkamitti akka dhiyaataniifi maaliif akka barbaachisan hawaasichi ijoollee (dargaggoota) barsiisuun hubannoo keessatti uumuun qajeelchuu qabuIlaalchota hordoftoonni amantii garaagaraa geerarsa daboo irratti qaban karaa abbootii amantiifi gaggeessitoota amantii sirraa’ee akka duudhaa uummatichaatti fudhatamee yoo kunuunfame gaarii ta’a.Waajjirri aadaafi tuurizimii, barsiisonni Afaan Oromoofi qaamni dhimma kana ilaalu biroon waliin ta’uun geerarsa daboo sassaabuun bifa dookumemteriifi barreeffamaan osoo kaa’anii dhaloonni dhufan akka irraa baratan taasisani gaariidha. en_US
dc.language.iso other en_US
dc.title Xiinxala Ergaa Geerarsa Daboo: Haala Godina Jimmaa Aanaa Sokorruu en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search IR


Browse

My Account