Abstract:
Kaayyoon waliigala qorannoo kanaa Qaaccessa ergaa durdurii mala maltee hawaasa godina
Iluu Abbaa Boor keessatti dubbataman xiinxaluudha.Kanaaf yaadxina afoolaa jiran keessaa
faayidaalessummaa buureffateera.Dayeessi kun durduriin hawaasa keessatti faayidaa inni qabu
xiinxaluuf kan gargaarudha. Ka’umsi qorannoo kanaa qorannoowan durdurii irratti
hojjetaman kan jiraatan yoo ta’e iyyuu qorannoowwan durdurii mala maltee irratti xiyyeeffatan
akka godina Iluu Abbaa Booritti keessumaa akka aanaalee Algee Saachii, Daarimuu fi Biloo
Nophaatti kan hinhojjetamne ta’uu isaati. Kanuma faana kaayyoon qorannichaas ergaa
durdurii mala maltee godina Iluu Abbaa Boor qaaccessuudha.Durduriiwwan mala maltee
sassaabaman yookiin odeeffannoowan sassaabaman madda ragaa jalqabaa irraa yammuu ta’u
durduriiwwan sassaabaman kunis kudha jaha (16) yeroo ta’an maanguddoota abbootiifi
haadholii akkasumas dargaggoota durdurii mala maltee himuu irra darbanii dhimmuma
durdurii ilaalchisee beekumsaafi muuxannoo gahaa qabu jedhaman mala iddatteessuu miti
carraatiin ta’ee gosoota mala miti carraa keessaa mala akkayyootii filataman irraati.
Durduriiwwan mala maltee sassaabaman kunis mala funaansa ragaalee af-gaaffii fi maree
garee xiyyeeffannootiinidha. Ragooleen kunis yeroo af-gaaffii fi maree garee xiyyeeffannoo
teeppiidhaan erga waraabamanii booda irra deebiin dhaggeeffatamnii gara barreeffamaatti
jijjiiramaniiru. Durduriiwwan mala maltee sassaabamanis akkataa kaayyoo qorannichaatiin
mala qaaccssa ragaa qulqlleeffataatii /qualitative data analysis/ tti fayyadamuun erga
qaacceffamanii booda hiikni itti laatameera. Argannoo irra gahameenis durduriin mala maltee
jiruufi jireenya saba Oromoo keessatti faayidaa ol’aanaa akka qabuu fi keessumaa rakkoo ofis
ta’e maatii ofiifi lammii ofii quunnamu irraa baraaramuuf toofataan bakka guddaa akka qabu
agarsiifameera. Akka xiinxala odeeffannoo sassaabame agarsiisutti durduriin kana himamu
galgala ta’ee innis abbootii fi haadolii akasumas ijoollee umuriidhaan cimanii fi durasanii
maatii isaanii irraa dhaghanii qalbeeffataniin daa’immanitti himama. Kana malees argannoon
qorannoo kanaatti durdurii mala malteen daa’imman dandeettii waan dhagahan sammuutti
qabachuu fi osoo itti hindabalin yookiin irraa hinhir’isin nama biraatti himuu jaraa gabbisuu
keessatti gahee ol’aanaa qaba. Dhuma irratti durduriiwwan mala maltee aadaa fi dudhaa saba
Oromoo calaqqisiisuufi guddina afaan Oromootiif shoora ol’aana qabu kununsuu fi sassabuun
barreeffamaan dhaloota boriitti dabarsuu yookiin akka hindagatamne taasisuuf yaboon
laatamee jira.