Abstract:
Kaaayyoon gooroo qorannoo kanaa qulqullina qormaata xumuraa Seemisteera 1ffaafi 2ffaa bara
2010 fi seemisteera 1ffaa 2011 Afaan Oromoo kutaa 9ffaa akka manneen barnootaa aanaa
Gommaa sadarkaa 2ffaatti hojii irra oolan xiinxaluudha. Kaayyoon gooree qorannookanaa
immoo kanwalsimachuufi dhiisuu isaa adda baasedha. Akkasumas, qormaanni xumuraa Afaan
Oromoo kutaa 9ffaa aanaa Gommaa sadarakaa 2ffaa dadeettiiwwan afaanii hundaaf
xiyyeeffannoo kennuufi dhiisuu isaa adda baaseera.Gaaffiileen qormaata xumuraa Afaan
Oromoo iraatti qophaa’uun hojii irra oolan shakaloota dandeettiiwwan afaanii kitaba
barattootaarraa waliin wasimuu dhabuu adda baaseera. Dandeettii madaalamuuf barbaadame
madaaluu dhaabuufi gulaalamuu dhabuu isaa, rakkoolee qulqullina qormaata xumuraa Afaan
Oromoo kutaa 9ffaa manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa aanaa Gommaa irratti argaman
tarreessuudha. Akaakuun qorannoo kanaa akaakuu qorannoo hammamtaafi
akkamtaati.Qorannoon kun mala qorannoo makaatti dhimma bahaamee hojjetame. Ragaaleen
kan walitti qabaman sakatta’a dookmantiifi afgaaffiidhaan. Jamaan qorannoo kanaa qormaata
xumuraa Afaan Oromoo kutaa 9ffaaaanaa Gommaa keessatti argamanidha.Iddattoon
qorannichaa qormaata xumuraa Afaan Oromoo kutaa 9ffaa manneen barnootaa: Bashaashaa,
Gembeefi Kattaa mudukaa aanaa Gommaa keessatti argaman seemisteera 1ffaafi 2ffaabara 2010fi
seemisteera 1ffaa bara 2011 irratti kan daangeffamedha. Argannoon qorannoo kanaa: gaaffiileen
qormaata xumuraa shaakaloota qabiyyee kitaaba barattootaan kanwalhinsimne ta’uu. Sababiin
isaas, qabxiin walsimannaa dandeettiwwan kitaaba barattootaafi qormaata xumuraa irratti hojii
irra oolan shallagamanii qabxii 0.03 waan fidaniifidha. Kun immoo qabxii ga’aa eegamu waan
hin taaneef, walsimannaa hin qabu. Gama biraan immoo qormaanni xumraa kutaa 9ffaa
dandeettiiwwaan seerlugaafi hiika jechootaaf xiyyeeffannoo kennee, dandeettiiwwan dubbisuufi
barreessuun dagatamuuti mul’atu. Qajeelfma ifa ta’e dhabuu, akaakuuwwan qormaataa
soba/dhugaa, firoomsuu, bakka duwwaawwaa guutuu, filannoofi barreessuu hammachuu
dhiisuufi sirriitti gulaalamuu dhabuudha. Yaadi furmaataa qoratichi eere: barsiisonni Afaan
Oromoo qormaata xumuraa qopheessanii hojiirra oolchuun dura ibsa gabatee qormaataa
baafachuu qabu, itti gaaffatamtoonni muummee afaanii yeroo fudhachuun qormaata sirriitti
gulaalanii, manni barumsaa meeshaalee ga’aa osoo dhiyeesse, leenjiin hojiirraa barsiisotaafi
itti gaafatamtoota muummeef osoo kennamee gaariidha.