Abstract:
Qorannoon kun Raaga saayyida duuroo Godina Arsii Lixaa Aanaa Nagellee keessa jiru irratti
xiyyeeffatedha. Qorannoo kanaaf ka'umsa kan ta'e sababa babal'achaa deemuu amantiiwwan
garagaraa, dagatamuu seenaa Raaga saayyida duuroo kanaa fi raawwiilee achitti
raawwataman dadhabaa dhufuu isaati. Raaga saayyiida duuroo kun qoratamee oli taa'uun
dhaloota dhalootatti akka darbuuf qorachuun barbaachisaa waan ta'eef qoradhe.Milkaa'ina
qorannoo kanaafis malleen gaaffii afaanii, marii garee karaa mala qulqulleefataatiin
odeeffannoo funaannachuun qoradheera. Malleen kanaannis Raaga saayyida duuroon maal
akka ta'e qoradheera. Qorannoo kana keessatti Raaga saayyida duuroo iddoo seen-qabeessa
ta'e Godina Arsii Lixaa Aanaa Nagellee maal akka ta'e gadi fageenyaan qoradheera. Bakki
Raaga saayyiida duuroo kun maalirraa ka'ee akka moggaafame, haala uumama isaa,
raawwiilee dirree raaga saayyida duuroo irratti raawwataman, hirmaatoota waltajjii raaga
saayyiida duuroo, hawaasni kabaja iddoo kanaaf qabu maal akka ta'e, iddoon kun hawaasaaf
bu'aa buusee fi faayidaa inni kennee fi yeroo ammaa kana sadarkaa akkamirra akka jiru
qoradheera.Raaga saayyiida duuroon iddoo seenaa ta'uu isaa bakka itti hawaasni walgahee
waaqa isaa itti kadhatu, dhukkubsataan bakka dhiibee isaarraa fayyu, iddoo wal dhabdeen itti
hiikatu fi kan kana fakkaatan kan raawwataman ta'uu isaati. Walumaa galatti bakka seenaa
qabeessa Raaga saayyiida duuroo kana qoratamee dhalootaa dhalootatti akka darbuuf kan
qorannoon barbaachisee jechuudha.