Abstract:
Qorannoon kun xiinxala akaakuu dogongora barreeffamoota Afaan Oromoo barjaawwan
beeksisoota Magaalaa Aggaaroorratti mul’atan keessaa kanneen waaltina Afaan Oromoorratti
dhiibbaa fidanirratti xiyyeeffachuudhaan kan geggeeffameedha. Barreeffamoonni beeksisaa
barjaaleerratti dogoggoraan barreeffamanii jiran namoota seerluga Afaan Oromoo hinbeekne
biratti akka waan sirrii ta’aniitti fudhatamuun dogoggorichi akka babal’atu taasisaa jiru. Gama
waaltina barreeffama Afaan Oromootiin yoo ilaalles gufuu guddaa ta’uunsaanii beekamaadha.
Kanaafuu, qorattuun qorannoo kanaa muuxannoo qabdurraa ka’uun jalqaba rakkooleen gama
qulqullinaafi fayyadama afaaniitiin mul’atan maal akka ta’an addaan baasuun maddi rakkoolee
kanneenii maal akka ta’e addaan baasuuf qorannoo kana geggeessite. Bu’uuruma kanaan
sadarkaa dogongora barreeffamoota barjaaleerratti mul’atan keessaa kanneen waaltina Afaan
Oromoorratti dhiibbaa fidan xiinxaluuf qorattuun mala qorannoo qulqulleeffataatti dhimma
baate. Odeeffannoon qorannoo kanaaf barbaachisu daawwannaafi af-gaaffiitti gargaaramuun
walitti qabame. Odeeffannoon sassaabamanis haala walitti dhufeenya qabaniin qindaa’uun
xiinxalaman. Bifuma kanaan, dogoggora caasaa barreeffamaa Afaan Oromoo (dogoggora
filannoofi itti fayyadama jechootaa, dogoggora qubee (qubee guddaafi qubee xiqqaa iddoo
malee fayyadamuu, dubbifamaa seeraan ala jabeessuufi laaffisuu, dubbachiistuu seeraan ala
dheeressuufi gabaabsuu, dogoggora irrabutaa, dogoggora hudhaa, dogoggora qubee Afaan
Oromoo addaan baasuu dhabuu) akkasumas dogoggorri seerlugaafi jijjiirraa afaan maddaafi
afaan jijjiirraa bal’inaan akka mul’atu bu’aan qorannichaa agarsiiseera. Maddi dogoggora
kanneeniis Afaan Oromoorratti beekumsa ga’aa dhabuufi dhiibbaa beekumsa caasaa afaan
biroof (Afaan Amaaraafi Afaan Ingilizii) xiyyeeffannaa kennuufii dhabuudha. Rakkoolee kana
furuuf, ga’umsa Afaan Oromoo barreessitoota beeksisa barjaaleerraa cimsuu, waajjiroota
dhimmi kun ilaallatuuf muuxannoo hawaasa barjaalee kana dhaabbatan sanaa gama Afaan
Oromoon cimsuu, Ogeeyyiin Afaan Oromoon leenji'an gita hojii kanarratti heyyama baafatanii
hojjetan jiraachuu qabu. Miidiyaaleen garagaraa dhimma kanarratti xiyyeeffannoo kennuun
hojjechuu qabu. Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii naannoo Oromiyaa rakkoo kana salphisee ilaaluu
osoo hin ta’iin xiyyeeffaannoo guddaa itti kennee hordofaniifi deeggarsa barbaachisu gochuu
qaba.