Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa garaagarummaa saalaa dandeettii fi ilaalcha dubbisuu
barattoota sadarkaa lammaffaa Magaala Jimmaa xiinxaluun ibsuudha. Haaluma kanaan,
dandeettii fi ilaalcha dubbisuu barattootaa fi garaagarummaa kanaaf waantoota sababa
ta’an, akkasumas, itti fayyadama tarsiimoo dubbissuu barattootaa jiruu fi deddeebi’anii
dubbisuun barattootaa ibsamee jira.Akkasums,dandeettii fi ilaalcha dubbisuu,hariiroon
saalli dandeettii dubbisuu,ilaalcha dubbisu fi tarsiimoo dubbisuu barattoota waliin qaban
xiyyeeffannan itti kenname yaadxina iskiimaatiin xiinxalameera.Mala qorannoo makaa
fayyadamuun wanntota bal’aa fi walxaxoo ta’an saxaxa addeessaa gargaaramuun ibsee
jira.Mala iddattoo carraatti fayyadamuun barattoota gosa barnootaa afaan Oromoo akka
gosa barnootaa tokkootti baratan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa magaala Jimmaa
waliigalaa(4506)keessaa dhibba sadii fi digdama (320) %7 (dhiira 160 fi dubara 160 kan
hirmaachisedha. Meeshaalee funaansa ragaa qorumsa dandeettii dubbisuu, bargaaffii
cufaa,sakatta’a galmee ergisa kitaaba mana dubbisaa eenyu akka dubbisuu adda baasuu
fi afgaaffiin itti gaafatamtoota mana dubbisaa waliin deddeebi’anii dubbisuu barattootaa
irratti godhame mala qaacceessa qorannoo safarataa lakkoofsaa fi qulqulleeffata jechaan
qaacceffameera.Argannoon qorannichaas kan agarsiisu, dandeettii fi ilalcha dubbisuutiin
garaagarummaan saalaa barattoota dhiiraa fi dubaraa sadarkaa lammffaa magaala
Jimmaa gidduu akka jiruu fi garaagarummaan kunis dubarri dandeettii dubbisuu dhiira
caalaa akka qaban, ilaalcha qajeelaa dubbisuuf akka qabanii fi deddeebi’anii kan
dubbisaan akka ta’edha.Hariiroon baay’ee cima ta’e saala,dandeettii fi ilaalcha duubisuu
waliin akka jirus argameera.Kun immoo qorannoowwan kanaan dura biyya alaatti
kanneen sadarkaa tokkoffaa fi afaan Ingiliziitiin gaggeeffamee bu’aan isaanii loogii
Imaammataa barnootaa isaanii ta’e irraa adda kan godhu sadarkaa lammaffaa fi afaan
Oromoo irratti xiyyeeffachuu fi argannoon isaa sababa ilaalcha dubbisuu fi tarsiimoo
dubbisuu sirnaan hojiirra oolchuu dhabuu ta’uun isaa adda godha.Qorannoon kunis
haaluma qabatamaa manneen barnootaatiin ilaalamee garaagarummaa dandeettii fi
ilaalcha barattoota dhiiraa fi dubara gidduu jiru dhiphisuuf hojiirra yoo oole qulqullina
barumsa afaan Oromootiif gumaacha guddaa qaba.