Abstract:
Qorannoon kun ergaa weedduu fuudhaa heerumaa godina Iluu Abaa Boor irratti xiyyeeffachuun
kan gaggeeffame yoo ta’u,qorannoo kanaaf ka’umsa kan ta’e akka godina kanaatti mataduree
kanaan qorannoon geggeeffame kan hin jirre ta’uu fi weedduun fuudhaa heerumaa kun
sababoota garaagarraan dagatamaa deemuudha.Kaayyoon qorannoo kanaas ergaa af-walaloo
weedduu fuudhaa heerumaa Godina Iluu Abbaa Boor xiinxaluudha.Mata duree kana
xiinxaluufis yaadxinni faayidaalessummaatti dhimma ba’ameera.Saxaxi qorannoo kanaa saxaxa
ibsaa yemmuu ta’u gosi qorannoo kanaa qorannoo akkamtaati. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf
jecha jamaa qorannichaa keessaa maloota adda addaatti fayyadamuun iddattoon filatamee
odeeffannoo af-gaaffii banaa fi marii garee xiyyeeffannoon sassaabameera. Qorannoo kanaaf
tooftaan iddattoo filachuuf hojiirra oole mala iddatteessuu akkaayyoofi mala iddatteessuu
darbaa dabarsaati. Odeeffannoowwan barbaachisoo ta’anis Jaarsolii biyyaa, dubartootafi
dargaggoota weedduu fuudhaafi heerumaa irratti muuxxannoo qabaniifi hojjetoota waajjira
aadaafi tuurizimii aanota filatamaniifi godinaa irraa sassaabamanis mala qorannoo ibsaatiin
hiikni itti kennamuun qaacceffameera. Weedduu sirna fuudhaa heerumaa qaamolee raawwatan
irratti hundaa’uun yoo ilaalaman qaamolee shaniin kan raawwatamu ta’uu qorannoo kan
beekuun danda’ameera. Qaamoleen kunis; Misirroo Shamarree, Hiryoota Misirroo Shamarree,
Maatii Misirroo Shamarree, Hiryoota Misirroo Dhiiraafi Maatii Misirroo Dhiiraati.
Argannoowwan qorannoo kanaatiin jalbultii cidhaa torban lama hafee jedhamee waltajjiin sirba
mana warra gurbaa fuudhuutti ni dhaabbata. Sirbichi garuu arrabsoo osoo hin ta'iin kan
shamarraniifi dargaggooti dhiiraa walitti yaa'anii lookkatanidha.Gama biraatiin weedduu
fuudhaa heerumaa missirroo shamarree fi hiriyoota isheen mana warra misirrittiitti jala bultii
kaasee hamma guyyaa cidhaatti kan geggeeffamu ta’uu hubachuun danda’ameera. Qorannoo
kanaan wanti hubatame yeroo ammaa kana sababoota adda addaatiin dagatamaa adeemuun
weedduu fuudhaa fi heerumaa waan ta’eef, gara fuulduraatti weedduu fuudhaa heeruma
godinichaa gadifageenyaan qoratamee osoo haala qabatamaa ta’een ol ka’amee dhaloota
dhufutti akka darbu taasifamee gaarii ta’a