Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa dhimmoota dubartootaa asoosamoota Dhoksaa Jireenyaafi Miila
Hinshokoksinee xiinxaluudha. Saxaxni qorannichaas saxaxa ibsaati. Malli iddatteessuu kitaabotni
kunneen ittiin filatamanis mala iddatteessuu kaayyeffataadha. Meeshaan funaansa ragaa hojiirra oole
sakatta’a dookumantii/xiinxala galmee yoo ta’u, ragaaleen meeshaa kanaan funaanamanimmoo
gosa qorannoo akkamtaatti gargaaramuun qaacceffamaniiru. Dhimmootni dubartootaa
gurguddoon qorannoo kanaan xiinxalamanis kanneen akka cunqursaa hawaasdinagdee,
dhiibbaa saalaafi qabsoo walqixxummaa namfakkiiwwan dubartootaan raawwatamaniidha.
Qorattuunis xiinxala adeemsifte kanaan argannoowwan bira ga’aman keessaa muraasni haala
itti aanuun dhihaataniiru. Asoosamoota filataman keessatti sababa garaagarummaa
koorniyaatiin miidhaan dubartootarra ga’uu akka danda’u bira ga’ameera; gama biraan
immoo Marartuun yammuu barreeffama barreessuudhaan abbaa isheetti kennitu abbaan ishee
gargaarsa barbaachisaa gochuufii diduudhaan hamilee ishee keessatti doomsuun isaa dhiibbaa
gama koorniyaatiin dubartootarratti ta’u argisiisa; itti dabalees dubartootni dhimmoota akka
siyaasaa, hawaasummaa, dinagdeefi qaroominaa keessatti hirmaannaa akka taasisan bira
ga’ameera; kanumaan walqabsiisuudhaan dubartootni akka gama dinagdeen jiruufi jireenya
hawaasummaa keessatti hirmaannaa taasisan addaan baafameera. Argannoowwan kanneeniin
walqabsiisuudhaanis qorattuun yaada furmaataa kanneen ta’uu danda’an haala armaan gadiin
dhiheessiteetti. Dubartoonni rakkoo isaanirra gahu akka furaniif hirmaannaan isaanii kallattii
hundaan osoo jajjabeeffamee gaarii ta’a; akkasumas, iddoo adda addaatti jiraachuudhaaf jecha
hirkatanii kan jiraataniifi qaama isaanii kireessuun of jiraachisan hayyoonni kallattii
garaagaraan utuu irratti xiyyeeffatanii hojjetanii gaariidha; hojii ogbarruu keessatti
barreessitootni dubartootaa shoora isaanii taphachuun gaariidha; barreessitootni gara
fuulduraatti asoosama barreessuu barbaadan, dubartootni dhimmoota akka siyaasaa, dinagdee,
hawaasummaafi qaroominaa keessatti qooda fudhachuu akka danda’an hubatanii loogii
koorniyaa gochuu dhiisuudhaan dhugaa jiru giddugaleessa godhatanii barreessuun gaariidha;
dubartootni barreessitoota asoosamaa ta’uudhaan eenyummaafi cimina isaanii argisiisuurratti
osoo xiyyeeffatanii dhiirotni olaantummaa isaanii calaqqisiisuun hafuu danda’a; kanaafuu
dubartootni akkuma dhiirotaa barreeffamoota ogbarruu garaagaraa keessatti argisiisuudhaan
cimina isaanii mirkaneessuun barbaachisaa ta’a kanneen jedhan warreen ijoodha.