Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa xinxala walsimannaa qabiyyee silabasii, Kitaaba barattootaa,
Qajeelcha barsiisootaa fi shaakala dandeettiiwwaan Afaanii meeshaalee barnoota Afaan
Oromoo Kutaa 9ffaa xiinxaluudha. Qoratichi saxaxa qorannoo akkamtatti dhimma ba’e. Malli
kunis kan hojirra ooleef ragaalee argaman jechaan ibsuuf filatamaa ta’uu waan itti amanameef.
Mala iddattoo carraa alaa qorannoo kana keessatti hojirra ooleera.Mala carraa alaa keessaa
immoo malli kaayyoo hojirra ooleera. Meeshaalee funaansa ragaa keessaa sakatta’a
dookumentii gargaaramuun qorannoon gaggeeffameera.Odeeffannoon guuramanis haala walitti
dhufeenya qabaniin qindaa’uun xiinxalaman.Bifuma Kanaan, walsimachuu dhabuu meeshaalee
barnootaa fi qabiyyee shaakala dandeettii afaanii qajeeelfama dhiyaate waliin bifa qindaa’een
dhiyaachuu dhabuun addaan ba’eera.Akkasumas, qabiyyeen dandeettii afaanii barsiifamu tokko
tarsiimoo dandeettiin afaanii ittiin dhiyaatun dhiyaachuu dadhabuu, qajeelfamni shaakala
dandeettii afaaniif dhiyaate tarsiimoo dandeettiin afaanii tokko hordofee ittiin dhiyaatun
dhiyaachuu dadhabuun wantoota qorannoo kanaan adda ba’anidha.Kana malees
Dandeettiiwwaan afaaanii hundii walqixa dhiyaachuu dhabuun addaan ba’eera.Maddi rakkoo
kanneeniis,qabiyyeen meeshaalee barnootaa sadan walbira qabanii qopheessuu dadhabuu,
Xiyyeeffannoon qabiyyee shaakala dandeettii afaanii fi qajeelfama shaakala walsimsiisanii
qopheessuu laafaa akka ta’ee sakatta’amee jira. Rakkoolee kanaa fi furmaatni ogeeyyiin afaanii
keessumattuu kanneen meeshaalee barnoota Afaan Oromoo qopheessan qabiyyee meeshaalee
barnoota sadanii walsimsiisuun qopheessu. Dabalataanis, qabiyyeen shaakala afaanii fi
qajeelfamaa bifa qindaa’een qophaa’uun modeelaa dandeeettiiwwaan afaanii tokko ittiin
barsiifamuun hojirra oolchuun barbaachisaadha