Abstract:
Qorannoon kun mataduree xiinxala malleen cunqaa’aatiin fayyadamuun Afaan
Oromoo barsiisuu manneen barnootaa sad.2ffaa Nophaafi Biloo Qaarootti
barsiisota Afaan Oromoo barsiisanu irratti taasifame. Kaayyoon gooroo qorannoo
kanaas, barsiisonni Afaan Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Nophaafi
Biloo Qaaroo hammam mala cunqaa’aatti fayyadamanii barsiisaa akka jiran
xiinxaluudha.Yaadxinni qorannoon kun hordofe bifa-heddummaa (multimodality)
dha. Qorannoon kun qorannoo qulqulleeffataa yemmuu ta’u, malleen iddatteessuu
miti carraa keessaa iddatteessuun akkayyoo qorannoo kana galmaan gahuuf
hojiirra oolaniiru. Iddattoon qorannoo kanaas, barsiisota Afaan Oromoo kutaa
9ffaafi 10ffaa barsiisan afuri. Meeshaaleen ragaan ittiin funaanaman daawwannaa
dareefi af-gaaffii banaa barsiisotaati. Ragaan daawwannaafi af-gaaffiin walitti
qabamanis jechaan xiinxalamani. Kanaaf, saxaxni qorannoon kun hordofes ibsaa
akkamtaadha. Argannoon qorannoo kun akka agarsiisuutti, barsiisonni Afaan
Oromoo mala kana gonkuma itti fayyadamaa akka hinjirre, malli kun tartiiba
barannoo qabaatus barsiisoonnii kun hojiii irra akka hinoolchine, adeemsa baruufi
barsiisuu keessatti gahee guddaan barsiisaadhaan kan qabamu ta’uu, mala kana
hojii irra oolchuu keessatti wantoonni gufuu ta’anii mul’atan: wayitiin barnoota
Afaan Oromootiif ramadameef bal’inni qabiyyee kan wal hinsimne ta’uu,
barsiisonni waa’ee mala cunqaa’aa hubannoo gahaa kan hinqabne ta’uu,
meeshaalee deeggarsa barnootaa qopheessanii itti fayyadamuu dhabuufi baay’inni
barattootaa daree keessatti heddummachuu ta’uu qorannoo kanaan adda ba’eera.
Argannoo kana irratti hundaa’uun yaadni furmaataa: barsiisonni barattootni
waan barataniifi shaakalan akka filatan, akkasumas, dandeettiiwwan afaanii karaa
itti guddifachuu danda’aan haalli miijachuufi, ramaddiin wayitii Afaan Oromoo
sirrachuu, dareen barnootaa baay’ina barattootaa waliin walsimsiisuufi itti
fayyadama mala cunqaa’aa irratti leenjiin hubannoo cimsuu qaama dhimmi
ilaallattuun akka laatamuuf furmaata rakkoo kanaatiif qorannoon kun eereera