Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa kitaabilee barnootaa Afaan Oromoo kutaa 9ffaa-12ffaa keessatti
akkaataa dhiyeenya caasaa himootaa qaaccessuun, haala dhiyeenya caasaa himaa irratti
hanqinoota mul’atan adda baasuu,walitti dhufeenya kitaabilee barnootaa daree afran giddduu
gama caasaa himaatiin jiru sakatta’uufi hanqina jiraniif yaada hayyooti qophii caasaa irratti
kennan irratti hundaa’uun yaada gabbisaa eeruu yemmuu ta’u, kaayyoo qorannoo kanaa
galmaan gahuuf maddi ragaalee madda ragaa sadarkaa tokkoffaafi madda ragaa sadarkaa
lammaffaati. Sakkatta'a kitaabileefi afgaaffiin barsiisotaaf dhiyaateen odeeffannoon
funaanamaniiru. Qorannichis, gosa qorannoo waliin maadaaluutiin (comparative research) kan
dhiyaate ta’ee, saxaxa ibsaan kan ibsameefi mala iddatteessuu mit-carraa keessaa iddatteessuu
akkaayyoo (porpusive sampling) fayyadameera. Odeeffannoo funaannaman irratti hundaa'uun
qaaccessa taasifameen kitaabileen barnootaa haala dhiheenya caasaa himaa irratti, qooddii
caasaa himaa,fakkeenyota caasaa himaafi balballoommii qabiyeehimaa irratti garaagarummaa
qabaachuun isaanii hubatameera. Kunis kitaabi Afaan Oromoo kutaa 11ffaa himoota caasaafi
tajaajilaan, akkasumas qabiyyee bal’aan kan dhiheesse yommuu ta’u, kitaabileen Afaan Oromoo
kutaa 9ffaa, kutaa 10ffaafi kutaa 12ffaa immoo, caasaafi tajaajilaan dhiheessuu baatanis, himoota
kan dhiheessan ta’uu isaanii hubatameera. Kana malees, kitaaba barnootaa kutaa 11ffaakeessatti
himni xaxamaan fakkeenya hima dachaa xaxamaa ta’ee dhiyaatee jira. Kanaaf addaa
addummaa kana dhabamsiisuuf'qopheessitootni kitaabilee barnootaa waliin mari'achuu,
hanqina gama dhihenya caasaatiin mul'atan yeroo yeroon sakatta'uun fooyyessuufi kitabileen
yemmuu qophaa'an hayyoota afaanii gulaalchisuun barbaachisaa akka ta'e qorannoo kana
keessatti ibsameera. Walumaagalatti, qorannoon kun gahee caasaan himaa afaan dhalootaa
barachuu keessatti qabu ilaalchisee hubannoo ni uuma.